Home Oduu Hidha Haaromsaa; misoomaan olloota walitti hidhee Itiyoophiyaa gurra guddise.

Hidha Haaromsaa; misoomaan olloota walitti hidhee Itiyoophiyaa gurra guddise.

0

Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa hariiroo biyyoota ollaa cimsuun Itiyoophiyaan addunyaarratti dhageettii akka qabaattuuf gumaacheera jedhan, Ministirri Bishaaniifi Inarjii Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaa.

Hariiroon dippilomaasii Itiyoophiyaa ollaaf kan dursu waan ta’eefis anniisaan hidhicharraa maddu dippilomaatii dinagdee ta’uun biyyoota Afriikaa afuriif ifa ta’uu Dr.Injiinar Habtaamuun himaniiru.

Keeniyaa, Jibuutiifi Sudaan hanga ammaatti kallattiin anniisaa elektiriikaa Itiyoophiyaarraa kan fudhatan yoo ta’u, Taanzaaniyaanimmoo kan gara Keeniyaatti ergamerraa fayyadamti jedhan. Itiyoophiyaan hidha bishaaniirraa anniisaa maddisiisuun Afrikaarraa isa guddaafi addunyaarraa sadarkaa qabu hojjechuunis gurra horatteetti jedhan.

Maqa-balleessiin Ijjipti oofaa turtes gama tokkoon ijaarsa isaaf deeggarsa maallaqaa qoqqobus, guddummaa hidhichaafi kutannoon Itiyoophiyaa warra Lixaa biratti akka beekamu godheera.

Hojii ogummaan deeggarame raawwachuunis ololli ijaarsi hidhichaa biyyoota yaa’a gara gadii miidha jedhu cabaa jira jedhan. Kanaafis dippilomaatota biyyoota garagaraa hidhicha daawwachiisuun guddummaafi qulqullina ijaarsa isaa ilaaluun uummataafi mootummaa Itiyoophiyaa dinqisiifachuu isaanii Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsaniiru.

Tibba darbes keessummoota yaa’a lagichaa guyyaa Naayil kabajuuf Finfinnee dhufan dabalatee Gaazexeessitoota biyyoota garagaraa daawwachiisuun kutannoofi guddummaa Itiyoophiyaa nuuf mirkaneessan jedhan.

Keessummoonniifi gaazexeessitoonni Yugaandaa, Sudaan Kibbaafi Taanzaaniyaarraa dhufan akka qabeenyasaaniitti itti gammaduufi dinqisiifannaa akkasumas ija jaalalaan hidhicha mararfachuu himan.

Ministiroonni Bishaanii Yugaandaafi Sudaan Kibbaa hojii walfakkaataa biyyasaanii keessatti eegaluuf kaka’umsaafi xiiqiin isaan keessatti uumamuu ibsaniiru jedhan, Dr.Injiinar Habtaamuun.

Haalli hidhichaas biyya kamirrattuu miidhaa akka hin geessisne dhugaa bahaniiru jedhan.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version