Home Oduu “Gurmaa’insi caasaa gandaa hojiirra oole gaaffilee misoomaa barootaaf dhiyeessaa turre nuuf furaa...

“Gurmaa’insi caasaa gandaa hojiirra oole gaaffilee misoomaa barootaaf dhiyeessaa turre nuuf furaa jira”-Jiraattota Godina  Jimmaa Aanaa Maannaa

0

‘OBN Cyber Media’ Mudde 30,2017-Gurmaa’insa caasaa gandaa haaraan mootummaan hojiirra oolche gaaffilee misoomawwan bu’uuraafi  tajaajiltummaan walqabatan  nuuf deebi’aaa jiru jedhu,Jiraattonni Godina Jimmaa Aanaa Maannaa Ganda Gubbee Mul’ataa.

Obbo Abdoo Abbaa Booriifi Abduqqee Abbaa Dilbii, Ganda Baadiyyaa Gubbee Mul’ataa keessa jiraatu.

Waggoota dheeraaf tajaajila bishaanii dhugaatii osoo hin argatiin turrus caasaa haaraa dhufeen gaaffiin isaanii deebii argachuu eegalu ibsan.

Obbo Abiyyi Milkii, Bulchaa Ganda Gubbee Mul’ataati hawaasa hirmaachisuun tajaajila bishaanii lafa dheeraarra fiduun hawaasa biran geenyee jirra jedhan.

Bulchaan Aanaa Maannaa Obbo Samaraddiin Ahmad , gaaffi hawaasummaafi diinagdee hawaasa keenyaa hiikuu eegallee jirra jedhu.

Bulchaan itti aanaa Godina Jimmaa Obbo Yusuuf Shaaroo, caasaan haaraa hunda’een kenni tajaajilaafi misoomawwan bu’uuraa  furamuu eegaluu himaniiru.Abdii Rabbumaatu gabaase.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version