‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 16, 2017-Gulaallii Waancaa Addunyaa bara 2026 irratti hirmaachaa kan jiru, Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa tapha ramaddii A marsaa 6ffaa gitasaa Jibuutii waliin taphate goolii 6fi 1’n injifate.
Marsaa 5ffaan Ijiptiin goolii 2fi 0’n kan mo’ame gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa gooliwwan sadi sadi Abubakar Naasiriifi Barakat Dastaa galchaniin Jibuutii injifate.
Gulaallii Waancaa Addunyaa bara 2026 biyyoota Afrikaa ramaddii A kana Ijipti qabxii 13’n dursaa jirti.
Burkinaafaasoon qabxii 11’n 2ffaadha. Itiyoophiyaan qabxii 6’n sadarkaa 4ffaatti olfooyyofte. Jibuuitiin qbxii 1’n sadarkaa dhumaa 6ffaarra jirti.Turee Gannaatu gabaase
