Home Aadaa Dinqisiisoo Jaldeessa Abbaa Daabee!

Jaldeessa Abbaa Daabee!

0

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 16,2017 -Giddugalli Ikoo turizimii Caagaal Iddoowwan Hawwata turizimii Godinni Shawaa Kaabaa qabu keessaa tokkodha.

Giddugalli Ikoo turizimii Caagaal waktii Gannaa kanatti iddoo simbo-qabeessa, daawwattootaan guyyaa guyyaatti daawwatamus ta’aa jira.

Wakti Gannaatiin faayamee ijaafi qalabii namaa kan booji’u Giddugalli kun, Riqicha Poorchugaal dabalatee taa’umsa lafaa Sulula Gamajjoo Laga Guur,Fincaa’awwan, Bosona, Holqaawwan garagaraa fi kanneen biroos of keessatti hammata.

Bareedina Gannaatiin faayames giddugalli Ikoo turizimii Caagaal iddoo aara galfannaa turistootaa jabaa ta’aa jira.

Giddugala kana keessatti immoo Jaldeessi Abbaa Daabee wal horee baay’inaan mul’ata. Waktii Gannaattis caalmaatti kan itti tole fakaata.

Hojilee Ashaaraa Magariisaa itti fufiinsaan hojjetameen, Naannawwan Ikoo turizimii Caagaal Jaldeessa Abbaa Daabeef bakka jireenya mijataafi da’oo ta’uu jiraattonni himan.

Ammahaa Geetaachoon.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version