Home Articles ”Cimanii hojjennaan baadiyyaattis qanani’anii jiraachuun ni danda’ama.” qonnaan bulaa Galchuu Xunaa.

”Cimanii hojjennaan baadiyyaattis qanani’anii jiraachuun ni danda’ama.” qonnaan bulaa Galchuu Xunaa.

0

Obbo Galchuu Xunaa Godina Gujii Aanaa Oddoo Shaakkisoo Ganda Dhibbaa Battee jiraatu.

Qonni garagaraa oyruu qe’eesaanii keessatti marge haalaalarraa qalbii namaa hawwata.

Qonnaan bulaan kun cimanii hojjechuun yeroo ammaa abbaa dilbii ta’aniiru.

Deggarsa ogeeyyii misooma qonnaarraa argatan bu’uureffachuun cimanii hojjetanii dinagdeesaanii guddifachuu himan.

Kanaanis mana ammayyaa Ganda Baadiyyaatti ijaarrataniiru.

Magaalaattis ijaaruuf hojii eegaluu himan.

Icciitiin milkaa’ina isaanii cimanii hojjechuu ta’uu kan himan Obbo Galchuun, namni kamiyyuu taa’ee rakkina haasa’uurra cimee hojjechuu akka qabu dhaaman. Yohaannis Bantiin

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version