“Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuun dhimma Diinagdee qofaa osoo hin taane dhimma Siyaasa,Nageenya Gaanfa Afrikaa tasgabbeessuuti”-Dheeressaa Dheebuu(PhD)
Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuun dhimma Diinagdee qofaa osoo hin taane dhimma Siyaasa,Nageenya Gaanfa Afrikaa tasgabbeessuu akka ta’e ,Yuunivarsiitii Jimmaatti Barsiisaafi Qorataan seenaa Dheeressaa Dheebuu(PhD) himan.
Ulaan galaanaa diimaa Itiyoophiyaarraa seenaan adda hin bahu;biyyoonni ollaa Itiyoophiyaa qaraxa buufata galaanaarraa argataniin diinagdeen isaanii akka jabaates ibsan.
Ulaa galaanaa argachuun icciitii biyyooleessaa eeguun walqabatas jedhan.
Biyyi ulaa galaanaa hin qabne dinagdeen jabaachuu akka hin dandeenyes ibsan Dheeressaa Dheebuu(PhD). Abdii Rabbumaan
