Home Oduu Itoophiyaan oomishaalee gara Azerbaajaanitti ergitu daneessuuf ciminaan ni hojjetti

Itoophiyaan oomishaalee gara Azerbaajaanitti ergitu daneessuuf ciminaan ni hojjetti

0

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 07,2017-Ministirri Daldalaa fi Walitti-hidhamiinsa Naannawaa Dr  Kaasaahun Goofee  jila Azarbaajaan Ministir Deetaa Dhimma Alaa Yaalchiin Rafiyeevin durfamu har’a waajjira isaaniitti simatanii dhimmoota hariiroo daldalaa cimsuuf ijoo ta’anirratti mari’ataniiru.

Mariin kun hariiroo diinagdee biyyoota lamaan gidduu jiru daran cimsuudhaaf kan bu’uura ta’udha jedhaniiru. Fuuldurattis dilbii walta’insa biyyoota lamaanii keessaa argamuu malurrattis haasa’aniiru. 

Tarsiimoowwan Hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf gargaaranis sakatta’uu beeksisan. Oomishaalee Itoophiyaan gara Azerbaajaanitti ergitu keessaa saliixii, sanyii kumini, buna akaawwame, talbaa, foon re’eefi hoolaa keessatti argamu. Gama biraatiin,Azerbaajaan irraa oomishaalee galchinu keessaa sibiilaa walakkaan xumuraman, qaamolee seentiriifiyuujiifi meeshaalee sarkiyuutii elektirikii ittisan fa’i.

Fedhiin gabaa Azerbaajaan qabdu gahumsa oomishaa Itoophiyaatiin  keessumaa oomisha qonnaa fi bu’aalee maanufaakchariingiitiin kan walsimudha kan jedhan Ministirrichi, Itoophiyaan oomishaalee gara Azerbaajaanitti ergitu daneessuufi heddumeessuudhaaf ciminaan ni hojjetti jedhan.

Hariiroon daldalaa biyyoota lamaan gidduu jiru walitti dhufeenya daldalaa mijeessuun, dameelee dhuunfaa cimsuu fi oomishaalee beeksisuudhaan fooyyessuu haala dandeesisurratti mari’ataniiru.

Dinagdee fi daldalaa biyyoota lameenii guddisuuf carraawwan dabalataa uumuu, tekinooloojii fi leenjiidhaanis hariiroo cimsuu fwaliigalameera. Dabalataanis, waltajjiiwwan adda addaatti fayyadamuufi walitti-hidhamiinsa dinagdee yeroo dheeraa tolchuuf marii itti fufiinsa qabaachuudhaaf waliigaluusaaniiru. Ministeera Daldalaafi Walitti-Hidhamiinsa Naannawaaarraa odeeffanne

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version