Home Oduu ‘’Kenna tajaajilaa dijitaalessuuf  hojjetamaa jira’’- Obbo Awwaluu Abdii

‘’Kenna tajaajilaa dijitaalessuuf  hojjetamaa jira’’- Obbo Awwaluu Abdii

0

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 07, 2017-Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Awwaluu Abdii haala kenna tajaajilaa dijitaalessuun danda’amurratti dhimmamtoota Dhaabbata tekinooloojii biyya Yuunaayitid Arab Emmireetis Riich Dijitaal waliin mari’atan.

Dhaabbatichi muuxannoo baroota dheeraaf biyyoota 38 keessatti haala kenniinsa tajaajilaarratti horate fayyadamuun, qindoomina Abbaa Taayitaa Saayinsiif Tekinooloojii Oromiyaafi dhaabbata misoomaa MNO “O-Tech” waliin tajaajilaa dijitaalawaa diriirsuun haala danda’amurratti hojjachuuf ta’uutu ibsame.

Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Awwaluu Abdii, hojiiwwan kenna tajaajilaa foyyeessuuf baldhinaan hojjatamaa jiran caalmaatti milkeessuuf, hojimaanni dijitaaleessuu isa ijoodha jedhan. Waajjira Pirezidaantiirraa odeeffanne.

#presidentoffice #OBN #Oromia #Finfinnee_Oromia_Ethiopia #uae

 

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version