
‘OBN Cyber Media’ Amajjii 08,2017-Piriimiyeer Liigiin #Oromiyaa yeroo jalqabaaf barana kilaboota 11 hirmaachisuun Istaadiyeemii Wallaggaatti dorgomamaa ture marsaan jalqabaa xumurameera.
Haaluma kanaan kilabiin kubbaa miilaa bulchiinsa magaalaa Gimbii taphoota 11 morkateen qabxii 19’n marsaa kana sadarkaa 1ffaan xumureera.
Yuunivarsiitiin Dambi Doolloofi bulchiinsi magaalaa #Gullisoo qabxii 18 wal qixa galmeessisuun sadarkaa 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.Warraaqaa Yooseefitu gabaase