Haroon haramaayaa dargaggoota naannoosaaf biddeen baase.

Date:

Haroo Haramaayaa irratti tajaajila Geejjibaafi nyaataa kennaa jiruun fayyadama jirra  jedhan, Dargaggoonni Magaalaa Maayaa.

 Haroon Haramaayaa erga deebi’ee magaalaa Maayaatiif Simboo  Miidhaginaa hawaasa naannoofi biyyaaf immoo iddoo Bashannanaa, dargaggoota magaaalaa Maayaatiif ammoo carraa hojii ta’eera.   

Dargaggoo Kaalid Alii fi Asadaa Mahaammad dargaggoota Haroo Haramaayaa irratti tajaajila Geejjibaa Bidiruun kennaa jiraaniidha.

Tajaajila kenna jiraniinis bu’aa irraa dhadhamaa akka jiran himan.

Obbo Usmaa’il Mahaammad ammoo waldaan gurmaa’anii  qurxummii kiyyeessuun bilcheessanii namoota haroo haramaayaa daawwachuufi yabalaan irra bashannanuu  achi dhaqaniif  fi hawaasa magaalatiifis dhiyeessa akka jiran keessaati.

 Carraa  hojii argatan kanaanis diinagdee isaanii utubaa jiraachuu hima.

Dargaggoonni magaalaa Maayaa Waldaalee  15niin gurmaa’anii qarqara haroo Haramaayaatti tajaajila gara garaa kennaa fayyadamaa jiraachuu  ragaan   Waajjira Carraa hojii uumuufi wabii nyaataa magaalaa Maayaarraa arganneen.  Jamaal Ibraahimiin

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...