Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknoloojii Adaamaa

Date:

Yunivarsiitiin Saayinsiifi Tekinooloojii Adaamaa Dhabbilee baranootaa olaanoo biyya kana keessatti tekinoloojii irratti hojjetan lamaan keessaa isa tokkodha. ‘’Nuti Warra Kalaqa beekumsaaf of kennine’’ dhadannoo ASTU’n ittiin of waamudha.

Dhaabbata guddaa kana mee seenaa isaa xiqqoo duubatti deebinee isin haa yaadachiifnu: Yunivarsiitiin Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaa (ASTU)’n jalqaba bara 1981 Kolleejjii Teknikaa jedhamuun kan hundaa’e.

Boodarra dhaabbatichi maqaan isaa Kolleejjii Barnoota Barsiisota Teknikaa jedhamee moggaafame.

Boodarra ammoo gara leenjii leenjistoota teknikaa oomishuutti ce’uun qaawwa TVET keessatti mul’atu guutuuf dhaabbata adda dureen hojjechaa turedha.

‘’Yunivarsiitiin Kalaqa beekumsaaf of kenne’’ kun Caamsaa 1998 Yunivarsiitii Adaamaa jedhamuun moggaasa maqaa haaraa argachuun gara Yunivarsiitiitiitti ol guddate.

‘Korma ka’a beeku’ akkuma jedhamu hundeeffamee waggaa lama booda Ministeera Barnootaatiin Giddugala Gahumsa Teknooloojii ta’ee kaadhimame.

Kanuma irraa ka’uun sagantaaleesaa irra heedduu Injinariingiifi Teknooloojii biyya kanaa jabeessuutti duufe.

Kunis Moodela Yuniversiitii Biyya Jarman tekinoloojii barsiisu fudhachuun beekumsa tekinoloojii biyya kanaa gara fuulduraatti tarkaanfachiisu karora qabatee hojjechuu itti fufe.

Yeroo jalqabafis piroofeesara Jarmaniin Dhaabbata durfamu ta’e. ASTU’n qaqqabummaan isaa bal’isuuf mooraa tokkicha Adaamaa ture, gara Asallaatti bal’ise. Wayita sanatti faakaaltiiwwan mooraa guddichaa Adaamaa keessatti argamnan;

• Muummee Biizinesii • Muummee Injinariingiifi Teeknooloojii Odeeffannoo

•Muummee Saayinsii Namoomaafi Seeraa

•Muummee Saayinsii Uumamaafi

• Muummee Barnoota Barsiisota Saayinsiifi Teknooloojii kan of keessaa qabuudha.

Muummeewwan lamaan gara Mooraa Asallaatti dabarfaman:

•Muummee Qonnaa • Muummee Fayyaadha. ASTU’n akkuma ka’umsuma irraa qaawwaa gama tekinoloojiin jiru guutuuf hojjechuu eegale Caamsaa bara 2003 ALI Mana Maree Ministirootaatiin Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teknooloojii Adaamaa jedhamee moggaafamuun, guutummaatti Yunivarsiitichi wiirtuu saayinsiifi teknooloojii ta’uun hojjechuu eegale.

Ittiwaamamni isaas Ministeera Saayinsiifi Teknoolojii Itiyoophiyaa (MSTI) tiif akka ta’u murtaa’e.

Yeroo ammaa kanatti ASTU’n Yunivarsiitoota Saayinsiifi Teknooloojii lamaan biyyattiin qabdu keessaa tokko yoo ta’u; ergama addaa biyyattiin gama poolisiifi tarsiimoo saayinsiifi teknooloojiitiin qabdu galmaan gahachuuf gootu keessatti madaaltuu bu’uraa (benchmark) ta’ee argamuuf barnoota Saayinsii gocha irratti hundaa’e (Applied Science) fi Teeknooloojiitiin sochii cimaa taasisaa kan jiru yoo ta’u, kollejjoota teekinoloojii shananiin hojii baruuf barsiisuu adeemsisaa jira.

Kolleejjiiwwan ‘ASTU’ •Kolleejjii Saayinsii Uumamaa: Sagantaalee PhD 17, M,Sc 26 fi digirii duraa 7 kan of keessaa qabu,

•Kolleejjii Injiinariingii Siiviliifi Arkiteekicharii Sagantaalee PhD 2, M.Sc 9 fi digirii duraa 3 kan qabu,

•Kolleejjii Injiinariingii Elektirikaa fi Komputiingii, Sagantaalee PhD 2, M.Sc 9 fi digirii duraa 3 kan qabu,

• Kolleejjii Makaanikaalaa, Keemikaalaafi maateeriyaal Saayinsii, Sagantaalee PhD 5, M.Sc 8 fi digiriiduraa 3 kanqabu,

•Kolleejjii Humaanitii fi Saayinsii Hawaasaa , yeroo ammaatti sagantaalee PhD fi M.Sc qofa kan qabu yoo ta’an, yuunivarsiitichi yeroo ammaa sagantaawwanifi kaarikulamoota barnootaa qabu sadarkaa idil-addunyaatti kan beekamanii fi fudhatama kan qaban taasisuuf akkasumasYuunivarsiitii ofiin of bulchu (Autonomous University) ta’uuf sochii cimaa taasisaa jira.

Erga Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknooloojii addaa ta’ee moggaafamee booda Yunivarsiitichi dhaadannoo ‘Filachuu fi Xiyyeeffachuu’ (Selection and Concentration) jedhu hordofuudhaan barattoota haala adda ta’een qormaata kennuudhaan filatee fudhata, kaarikulamii adda ta’e kan barattoonni yeruma tokkotti digirii lamaan eebbifamuu danda’an (dual major) fi yeroo baratameen duratti barnoota isaanii itti xumuruu danda’an (fast track) hojiirra oolchuudhaan barattoonni kaariikulamii isaanii akka ofii isaaniitiif bocatan taasisuudhaan, adeemsa kana dura Itoophiyaa keessatti hinbaratamin hojiirra oolchuudhaan isa jalqabaa ta’ee jira. Bara barnootaa 2017tti:

• Yunivarsiitichi barattoota 8,021 qaba.

• Barsiisota 603 (Pirofeesaroota 9, Tumsaa Pirofeesaraa 66 fi Gargaaraa pirofeesaraa156, Digirii Maastireetii kan qaban 372 fi gargaartota qorannoo digirii duraa qaban 150) qaba.

• Hojjettoota Bulchiinsaafi deggersaa 1396 ta’anis hammatee jira. ‘ASTU’ ALI’tti bara 2022’tti Itoophiyaa keessatti yuunivarsiitii filatamaa adda-duree, akka Afriikaatti immoo wiirtuu dursaa gahumsa saayinsii fi teeknooloojii ta’ee argamuuf cimee hojjechaa jira.

‘ASTU’ guyyaa borii(14, 2017) barattoota gosa barnootaa garaa garaan barsiisaa ture haala ho’aa ta’een eebbisa.

OBN’s sirna eebbaa kana kallattiin daawwattoota isaa biraan ga’a.Tamasgeen Hundarraatiin

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...