Harki balfa funaane; naannoo qulqulleessee kiisii dilboomse.

Date:

”Balfa Funaantee maqaa sooressaa hin xureessiin jedhee manaa na ari’e Abbaankoo” Dargaggoo Naanii Jamaal
Magaalaa Maayaatti dargaggoon maatii dureessaa irraa dhalatee osoo hin hojjetiin qabeenyi maatii kiyya miti jedhee balfa walitti qabuun hojii dhuunfaa isaa eegale duroome.


Dargaggoo Naanii Jamaal jedhama magaalaa Maayaa kutaa magaalaa awwadaayitti maatii dureessa irraa dhalee guddate, hanga kutaa 11tti barateera.


Daa’imummaatti aadaa hojiifi bu’aa hojjetanii argachuu maatii isaa irraa baruu kan himu Naanniin, barnoota adda kuteen hojii biizinasii irratti fuulleffadhee jedha.


hojii malee taa’uufi qabeenya maatii Abdachuun naaf hin ta’u yaada jedhu qaba.
Ilma dureessaati jedhee hin teenye.


Makiinaa maatii isaa konkolaachisee akkuma hojjetoota kaanii miindeffamee hojjetaa turuu hima.
Maallaqa argate qusatees dunkaana banee keessati meeshaalee bu’uuraa daldalaa ture.


Hojii namni hin mil’anne hojjechuuf yeroo naanniin yaada jirutti Qaruuraan bishaanii gatamaa galtee waarshaa ta’a jechuu dhaga’e. Naaniinis Adeemsi maayila kuma tokko tarkaanfii tokkoon eegala jechuun qaruuraa namni keessaa bishaan dhuge funaanuu eegale,ofiis walitti qabaa ijooollee walitti qaban irraas bitee kutaa magaalaa awwadaayitti kuusaa ture.


Yeroo Naanniin qaruuraa gatamaa walitti qabaa jirutti Abbaankoo maaliif balfa walitti qabdee ana maqaa sorreesaa xureessita jedhee manaa na ari’atee jedha.


kan natti aanu maatiikoo caala abjuu kiyya jedhee, muka ija qabutti dhakaan baay’ata jedheetuma obsee hojii itti fufuu hima.
Bara 2012 irraa egalee kutaa magaalaa awwadaayitti kuusaa ture.


Qaruuraan gatamaa kuufames, yeroo sana namni narraa bitus dhabamee jedhe.


Gara meeshaalee barbachisutti jijjiiruufis yeroo sana muuxannoofi maashiina isaa hin qabu,
bara 2015 bulchiinsi magaalaa maayaa hawwiifi mu’lata naannii kan dhugoomsuuf maashina inni barbaadu ,maashin liizii Oromiyaa irraa liiziin akka fudhatu walitti hidhamiinsa uumeef.


waanti hin hin danda’amne kan hin hojjetamne qofaadha jedha nelson maandellaan naaniis waan namni balfa jedhee ijaan dheessu maallaqatti jijiiree galtee waarshaa godhe,


Balfa Naaniin walitti qabee galtee indaastiriif oolchu kun namootaaf madda carraa hojii ta’e
yeroo ammaa Naaniin magaalaa Maayaa kutaa magaalaa Maayaatti balfa gatame akaataa galtee indaastriif ta’utti qopheessaa jira.


Dargaggoon kun yeroo amma kutaa Magaalaa Awwadaayitti waarshaa qaruuraa gatame akka galtee indaastriif ta’utti jijjiiru ijaarsisee hojjechaa jira.

Naaniin kana qaba sanan qaba jechuu baatus maallaqa kitila danuu akka qabu duuchumatti dubbateera.

Namni akkasii isniin quunnamee beekaa, Abbaan dureessa ta’ee ilma balfa walitti qabu? nuuf eeraa. JIREENYAA YAADATAAN

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...