Oromoon Maqaa Namaa Akkamiin Moggaasa?

Date:

Meeqaan keenya maaliif akka nuuf moggaafamehoo beeknaa?

Jiraattoota Godina Gujii Magaalaa Adoolaa Woyyuu keessaa Obbo Qilxaa Roobaafi Aadde Shuugar Gololchaa maqaansaanii maalirraa ka’ee akka moggaafameef qixeessanii beeku.

Muka Guddaa aannan yookiin aannannoo qabu jalatti waanan dhaladheef abbaankoo “Qilxaa” jedhee naaf  moggaase jedhan, Obbo Qilxaa Roobaa.

Aadde Shuugaris, abbaan isaanii bara bulchiinsa  Dargii barnoota ammayyaa barachuun jecha Afaan Ingilishii ‘Sugar’ yookiin Sukkaara jedhurraa ka’ee maqaa “Shuugar”  jedhamu akka moggaaseef OBN’tti himan.

Oromoon wayita maqaa moggaasu akkasumaan osoo hin taane waan bu’uura qabaurratti hunda’ee  ta’uus Abbaan Gadaa Gujii Hokkuu Gannaalee Aagaafi miseensonni Gadaa Gujii ibsaniiru.

Haaluma kanaan maqaan namaa gaafa moggaafamu: Bakka itti dhalatan, Ardaalee Jilaa itti dhalatan, Yeroo itti dhalataniifi haala aadaa hawaasaarratti hundaa’ee moggaafama jedhan.

  Ardaalee Jilaa yoo ta’e(Samarroo, Gannalee,…)  jechaa haaluma toora namni itti dhalatee sanaan moggaafama.

  Bakka itti dhalataniin walqabsiisees /Mukeen jalatti dhalatan  kan akka: Qilxaa,Dambii,Odaa,Me’ee,Biluu…

  Yeroo itti dhalatan( Waqtii, Ganama, Guyyaa, Waaree, Galgala, Halkaan/Waarii bu’uureffachuun Hoxxeessa,Ganamoo, Guyyoo, Galgaloo,Roobaa …) jechuun akka moggaafamu ibsan.

Miseensonni Gadaa Gujii kunneen, dhaloonni darbee darbee ammayyummaafi wantoota garaagaraa akka qaroominaatti ilaaluun maqaa hin amaleeffatamne moggaafachuun waan mul’atuuf aadaafi duudhaa ofiitiin masakamuutu caala jedhan.

Kanamalees Dhaabbileen Daldalaas wayita moggaafaman aadaafi duudhaa Oromoo bu’uureffachuun dhaloota eegereef darbuu akka qabus dhaamaniiru.

Meeqan keenyaaaf maqaan haala aadaafi duudhaa Oromootiin moggaafame?

Daa’imman keenyaafis akkamiin moggaasaa jirra laata?Yaada keessan nuuf qoodaa!Yohaannis Bantiitu qindeesse.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...