

Meeqaan keenya maaliif akka nuuf moggaafamehoo beeknaa?
Jiraattoota Godina Gujii Magaalaa Adoolaa Woyyuu keessaa Obbo Qilxaa Roobaafi Aadde Shuugar Gololchaa maqaansaanii maalirraa ka’ee akka moggaafameef qixeessanii beeku.
Muka Guddaa aannan yookiin aannannoo qabu jalatti waanan dhaladheef abbaankoo “Qilxaa” jedhee naaf moggaase jedhan, Obbo Qilxaa Roobaa.
Aadde Shuugaris, abbaan isaanii bara bulchiinsa Dargii barnoota ammayyaa barachuun jecha Afaan Ingilishii ‘Sugar’ yookiin Sukkaara jedhurraa ka’ee maqaa “Shuugar” jedhamu akka moggaaseef OBN’tti himan.
Oromoon wayita maqaa moggaasu akkasumaan osoo hin taane waan bu’uura qabaurratti hunda’ee ta’uus Abbaan Gadaa Gujii Hokkuu Gannaalee Aagaafi miseensonni Gadaa Gujii ibsaniiru.
Haaluma kanaan maqaan namaa gaafa moggaafamu: Bakka itti dhalatan, Ardaalee Jilaa itti dhalatan, Yeroo itti dhalataniifi haala aadaa hawaasaarratti hundaa’ee moggaafama jedhan.
Ardaalee Jilaa yoo ta’e(Samarroo, Gannalee,…) jechaa haaluma toora namni itti dhalatee sanaan moggaafama.
Bakka itti dhalataniin walqabsiisees /Mukeen jalatti dhalatan kan akka: Qilxaa,Dambii,Odaa,Me’ee,Biluu…
Yeroo itti dhalatan( Waqtii, Ganama, Guyyaa, Waaree, Galgala, Halkaan/Waarii bu’uureffachuun Hoxxeessa,Ganamoo, Guyyoo, Galgaloo,Roobaa …) jechuun akka moggaafamu ibsan.
Miseensonni Gadaa Gujii kunneen, dhaloonni darbee darbee ammayyummaafi wantoota garaagaraa akka qaroominaatti ilaaluun maqaa hin amaleeffatamne moggaafachuun waan mul’atuuf aadaafi duudhaa ofiitiin masakamuutu caala jedhan.
Kanamalees Dhaabbileen Daldalaas wayita moggaafaman aadaafi duudhaa Oromoo bu’uureffachuun dhaloota eegereef darbuu akka qabus dhaamaniiru.
Meeqan keenyaaaf maqaan haala aadaafi duudhaa Oromootiin moggaafame?
Daa’imman keenyaafis akkamiin moggaasaa jirra laata?Yaada keessan nuuf qoodaa!Yohaannis Bantiitu qindeesse.







