‘’Raayyaan Ittisa biyyaa, balaa biyyarratti aggaamame hundayyu qolatee injifannoon irra aanee as gahedha”- Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juullaa
OBN Cyber Media Caamsaa 03,2017-Guyyaan hundeeffama Ajaja Lixaa 47ffaan Magaalaa Naqamteetti kabajameera.
Sirna kanarratti argamuun haasaa kan taasisan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juullaan Raayyaan Ittisa biyyaa, balaa biyyarratti aggaamame hundayyu qolatee injifannoon irra aanee as gahe. Raayyaan ittisa biyyaa Ajaji Lixaa ammoo jijjiirama amma argameefis ga’een isaa ol’aanaa ta’uu himan.
Raayyaan Ittisa biyyaa ajaja lixaa nageenya biyyaa waaressuuf aarsaa guddaa kaffaleenis bu’aan olaanaa galmaa’eera.
Kanaanis biyya cimtuufi sodaatamtuu taate ijaaruun danda’ameera jedhan,Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juullaan.Warraaqaa Yooseeftu gabaase.





