Home Oduu Guyyaan hundeeffama Ajaja Lixaa 47ffaan Naqamteetti kabajame

Guyyaan hundeeffama Ajaja Lixaa 47ffaan Naqamteetti kabajame

0

‘’Raayyaan Ittisa biyyaa, balaa biyyarratti aggaamame hundayyu qolatee injifannoon irra aanee as gahedha”- Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juullaa

OBN Cyber Media Caamsaa 03,2017-Guyyaan hundeeffama Ajaja Lixaa 47ffaan Magaalaa Naqamteetti kabajameera.

Sirna kanarratti argamuun haasaa kan taasisan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juullaan Raayyaan Ittisa biyyaa, balaa biyyarratti aggaamame hundayyu qolatee injifannoon irra aanee as gahe. Raayyaan ittisa biyyaa Ajaji Lixaa ammoo jijjiirama amma argameefis ga’een isaa ol’aanaa ta’uu himan.

Raayyaan Ittisa biyyaa ajaja lixaa nageenya biyyaa waaressuuf aarsaa guddaa kaffaleenis bu’aan olaanaa galmaa’eera.

Kanaanis biyya cimtuufi sodaatamtuu taate ijaaruun danda’ameera jedhan,Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juullaan.Warraaqaa Yooseeftu gabaase.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version