PSG fi Intar Miilaan tikkeetti gara Muunik isaan geessu kutatan.

Date:

Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaan PSG fi Intar Miilaan waancaa guddaa kilaboota Awurooppaa fudhachuuf tikkeetti gara Muunik isaan geessu kutatan.

“Liigii qonnaan bultootaa jedhanii liigii Firaansitti qoosu, eeyyeni nuti liigii qonnaan bultootaa keessa jirra, garuu gahumsa agarsiisneen qabxiifi dinqisiifannaa argannetti gammanneera.” Lu’is Henerikee.

“Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kanaan garee Arsenaal caalaa fooyyee ta’e jira jedhee hin yaadu, garuu gahumsa Jiyaanluujii Doonaaruumaan dorgommicha keessaa baaneerra”. Miikeel Arteettaa.

“Yaada Arteettaan nuti garee cimaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kanaati jedhu waliin waliif hin galu, garuu tapha deebii kanaan akka barbaadanitti taohataniiru, nuti immoo taphoota lamaaniin isaan caalaa goolii galchinee injifanne, xumuraaf gahuunis nuuf mala.” Lu’is Henerikee.

Chaampiyoonsi Liigiin Awurooppaa bara dorgommii 2024/25 caaseffama haaraa bifa liigiin kilaboota 36 hirmaachisaa ture kilaboota lamaan xumuraaf gahan lamaan adda baaseera.

Tapha goolii 13 keessummeen kibxata darbe Intar Miilaan qabxii waliigalaan goolii 7 fi 6’n Baarseloonaa injifachuun dursee waancaaf gahuu mirkaneeffate.

Kaleessa tapha deebii walakkaa xumuraan Paarki Dis Piriinsitti Arsenaal waliin kan taphate PSG’n goolii 2 fi 1’n injifate.

Faabiyaan Ruu’iz daqiiqaa 27ffaa, Ashiraaf Haakiimiin 72ffaarratti goolii lamaan PSG’f yoo galchan, Buukaayoo Saakaan daqiiqaa 76ffaarratti goolii Arsenaal moo’amuurraa hin oolchine galche.

PSG’n kubbaa Luwis Iskeeliin sarara peenaalitii keessatti harkaan tuqeen peenaalitii argatus, Viitiinaan dhiitee goolii eegaan Arsenaal David Raayaan jalaa qole.

Tapha jalqabaan Emireetisitti goolii 1 fi 0’n injifatee kan gale PSG’n qabxii waliigalaan goolii 3 fi 1’n Arsenaal moo’achuun waancaaf gahe.

PSG’n kan bara 2020 waancaaf gahuun Baayer Muunikiin goolii 1 fi 0’n moo’amee waancaa dhabe dabalatee seenaa isaa keessatti yeroo 2ffaaf tapha xumuraaf gahuusaati.

Gooli eegaan PSG Jiyaanluujii Doonaaruumaan tapha har’aanis boqonnaa dura kubbaawwan Bukaayoo Saakaafi Maartiin Odeegaardi goolii ta’uu mala qoluun gahumsa jajamu mul’iseera.

PSG’n bara kana Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Maanchistar Siitii yoo injifatu, Liivarpuul, Astoon Viilaafi Arsenaal kuffisuun waancaaf gahe.

Tapha waancaan Caamsaa 23 PSG’n Intar Miilaan waliin Muunik Istaadiyeemii Aliyaanzi Areenaatti morkatu.Girmaa Bayyanaatiin

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...