Har’a sirna kabaja ayyaana hundeeffama Ajaja Lixaa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa waggaa 47ffaa irratti argamuu kootiin kabaja guddaatu natti dhagahama. Hunda dura, hoggansa, qondaaltotaa (officers)’fi loltoota Ajaja Lixaa akkasumas miseensota Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa maraan baga guyyaa kana geessan, baga geenye jechuun barbaada!
Ummanni gootota hinqabne homaattu milkaa’uu hindanda’u; imala seenaa keessas hinturu. Nuti garuu akka biyyaatti bu’aabahii barootan gootota aarsaa hin nuffineefi of hin qusanne horachuun kabajaan asgeenyera. Har’a akka biyyaatti ta’ee akka ummataatti dhaabbachuu kan dandeenye gatii gootonni Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya nuuf kaffaltan irraa kan ka’eedha. Biyyi keenya Itiyoophiyaan daangaan ishee sodaatamee, birmadumaan ishee kabajameeefi walabummaan ishee eegamee kan asgeesse, dhiigaafi lafee ijoollee ishee mallattoo cichoominaa ta’an, aarsaa isin baaftaniidhani.
Har’a Imalli jijjiiramaa biyya keenyaa ittifufuu kan danda’e, isin gootonni keenya dhiiga keessan dhangalaasuu, lafee keessan caccabsuufi lubbuu keessan qaalii wareeguuf duubatti waan hinjenneefi. Kabaja kanaaf, yaadannoon keessan nagaafi misooma ummata keenyaati.
Haaromsa humna Gooticha Raayyaa Ittisaa keenyaa irratti taasifamen waraanni keenya tokkummaa sabdaneessummaa qabatee, teknoolojii ammayyaa hidhateefi naamusa olaanaa horatee arguu dandeenyee jirra.
Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya, waraana sabaafi sablammoota Itoophiyaa irraa ijaarame, amanamummaa ummata keenyaaf qabu irra deddeebiin mirkaneesse, nagaa ummata keenyaa qofa osoo hintaane, dhimma misooma ummataa adda addaa keessatti humna deggersaa ta’uu mirkaneessaas jira. Gama kanaan, Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatti, Ajaja Lixaa addummaatti kaasuu dandeenya.
Adeemsi guddinaafi milkaa’ina Raayyaa Ittisa Biyyaa, Ajaja Lixaa addatti, humnoota diigumsaa guddina waraana keessatti muldhachaa jiru sakaaluufi wareegama inni kaffalaa jiru salphisuuf nuffii malee hojjataniif salphina; lammilee biyyattif immoo kabaja dachaafi ulfina olaanadha.
Dhumarrattis, miseensota Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa maraa, Ajaja Lixaa addatti, nagaafi misooma ummata keessaaniif, birmadummaa biyyaafi kabaja sirna heera mootummaatiif wareegama dafqaa, dhiigaa, lafeefi lubbuu kanfaltaniif kabaja olaanaan qabu ibsaa, irradeebiin baga guyyaa hundeeffama waggaa 47ffaa, Ajaja Lixaa Raayyaa Ittisa Biyyaa geessan, geenye jechuun barbaada. Dabalataanis, simannaa hoo’aa nuuf taasifameef, ummata keenya Lixa Oromiyaa keessattuu, ummata Magaalaa Naqamtee maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.
