Home Oduu Addunyaa Kiristiyaanoo Roonaaldoo imimmaan lakkuu roobse.

Kiristiyaanoo Roonaaldoo imimmaan lakkuu roobse.

0

Kiristiyaanoo Roonaaldoo waggaa 40ffaatti Neeshinsi Liigii Awurooppaan waancaa kaasuun imimmaan lakkuu roobse.
Taphataan ganna 40 Kiristiyaanoo Ronaaldoo ammas biyyasaatti kabaja hore.
Tapha xumuraa Neeshinsii liigii Awurooppaa Poorchugaaliifi Ispeen taphataniin, Ispeen galchii 2fi 1 hanga daqiiqaa 61’tti dursaa turte.
Tapahataan Poorchugaal dirree keessa jiraannaan haala jijjiiruu amaleeffate Kiristiyaanoo Ronaaldoon daqiiqaa 61ffaarratti galchii wal isaan qixxeessitu Porchugaaliif galchuun biyyasaatti hamileen hore.
Taphni biyyoota lamaanii hanga daqiiqaa 90tti goolii lama qixaan goolabamuun daqiiqaa 30 dabalamus, ammas kubbaan goolii osoo hin seeniin dhume.
Biyya mo’ate adda baasuun dirqama waantureef rukuttaan peenaalitii kenname.
Haaluma kanaan Poorchugaal galchii 5 fi 3’n injifachuun yeroo 2ffaaf shaampiyoonii dorgommii Neeshinsii liigii Awurooppaa taate.
Mo’ichi kunimmoo taphataa ganna 40 yeroo shan badhaasa Baalon door injifate, Kiristiyaanoo Ronaaldoo gammachuun boossiseera.
Waancaa abdates ol kaasee mirmirsuun, Lammiileen Poorchugaaliis jaalala tapahataasaaniif qaban kallattii garaagaraan akka ibsatan ulaa saaqeera. BBC SPORT irraa odeeffanne.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version