Dargaggoo miillisaa miidhamaa kalaqa sammuufi oogummaa harkasaan waan ittiin imalu tolfate. Kamaal Abdurrahmaan.

Date:

Dargaggoo miidhama qaamaa waliin dhalate Kamaal Abdurrahmaan, namni qaamni isaa miidhame hamma sammuun isaa fayyaa jirutti hojjetee of jijjiiruu ni danda’a jedha.

Kamaal  meeshaalee naannoo isaarraa  Konkolaataa miila sadii hojjetee galiis argatee,jireenya isaa miidhagsee jiraachuus dubbata.

‘’Fuula waaqatu nama tolcha deemsa abbaatu of tolcha’’ jedhe Jaldeessi akkuma  jedhamu, ilmi namaa qaama guutuus ta’ee, hir’uun dhalachuun hojii harka  uumaati. Dubbichatu akkas, dargaggoo Kamaal Abdurrahmaan jedhama Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti dhalatee guddate.

Uumamaan miidhama qaamaa waliin dhalate. Miila isaa lachuun akka hiriyoota isaa akka fedhetti burraaquu hin danda’u.

Kamaal miidhama qaamaa  qabatus lafarra foqoqaa [shunquqaa], barumsa isaa hamma kutaa 9ffaatti barate.

Sanuu Fedhii barumsaaf qabutu isa onnachiiseeti. ‘Xiiqiin Damma irra mi’ooftis’  akkuma jedhamu. 

 Garuu kutaa 9ffaa booda barumsa itti fufee barachuun tabba dhiibuu itti taate.

Addunyaan barumsaas achumatti dhaabbate.

Erga barumsa dhaabee namoonni gariin iddoo sochiin namaa baay’atu teettee maaliif hin kadhattu jedhanii gurratti haasaasaa  turan.

Ta’us sammuun isaa Kadhaaf hin jilbeenfanne. hin hayyamneef ture.

Kamaal qaamaan miidhamuun sammuun miidhamuu mitii jedhee amana.

Akka  namoota kaaniitti gad bahee galuuf ni hawwa.

Garuu akka fedha isaatti deemee galuu hin danda’u.

Kanaaf fala dhahachuu eegale. “Baay’inni rakkoodhaa furmaata mataansaa” akka Gameessi ilma Oromoo Artist Haacaaluu Hundeessaa weelleesaan  jedhe Boolla isaa Daadhiin haa guutuuti, Kamaal yoo mana taa’uu itti fufe abdii, humna dargaggummaa keessa isaa jiru jalaa dukkaneessa waan ta’eef, Wiilcheerii namoonni miidhama qaamaa qaban ittiin deeman namarratti argu hawwuu eegale.

Hawwuun argachuu waan hin taaneef humna isaatiin bitachuufi immoo hin danda’u.

Sibiilotuma naannawatti argaman walitti fidee rakkoo isaa furachuus tattaaffii godheen Wiilcherii tolfate.

Kamaal wiilcherii ittiin socho’u hojjetadhe jedhee harka maratees hin teenne. Wiilcherii ofii isaatii hojjetateen gad bahee hojii hojjetee galuu eegale. Kunis deeggarsa haadha isaatiin ture.

Kamaaliif deeggarsa namaatiinis ta’u gad bahee hojjetee galuun tarkaanfii tokko ta’us hamma yoomiitti namaan deeggaramaa jiraadhee yaadda’aa ture.

Maarree dubbiin tunis fala barbaaddi. Itti yaadee Waan ofii isaatii sochoosaa hojjetee galii argatu kalaqachuuf murteesse.

Konkolaataa miila sadii kan meeshaa duubaan itti fe’atee namootaaf tajaajila meeshaalee geejjibsiisuu kennu motora Doqdoqqee gatamerraa fi sibiilota naannawatti argamanirraa tolfatee galii ittiin argachuu eegale.

Kolleejjiin leenjii barnoota ogummaa fi teeknikaa Hasaasaa deeggarsa gorsaa fi ogummaa dabalataa godheefi.

Kamaal ammarratti Ilaalcha namoonni duraan akka inni kadhatuuf isatti gungumaa turan jijjiiruun namni miidhama qaamaa qabus akka qixa warra kaaniitti hojjetee argachuu akka danda’u mirkaneesseera. Gammachuu Fayyoon

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...