Piriimiyeer Liigii Ingilaandiin taphni torbee xumuraa utuu hafuu, gareen lamaanuu kanneen gara Chaampiyoonshiippiitti bu’an qofa caalanii sadarkaa 16ffaa fi 17’ffaa irra jiru.

Date:

Maanchistar Yuunaayitidiifi Tootenhaam Hotispar.

Seenaa gadi aanaa barana dorgommii biyya keessaatiin galmeessan kana faalleessuuf waancaa Ardii Awurooppaa injifachuuf Ispeen dhaqaniiru.

Magaalaa Bilba’oo Istaadiyeemii Saan-Maames kan daawwattoota kuma 53 qabatutti har’a galgala Sa’aatii 4:00 jalqabanii walii bahu.

Tapha waancaa kanaaf deeggartoonni garee lamanii 80,000 ta’an magaalaa Bilbaa’oo kan jiraattota 350,000 qabdu deemuutti jiraachuu ‘BBC Sport’ gabaaseera.

Taphni kun morkii waancaa Silviyoo Gaazaanigaa bara 1972 bocan, kan Kiiloogiraama 15 ulfaatu injifachuu qofa miti.

Waancaa kana injifachuun dorgommii biyya keessaatiin milkeeffachuu kan hanqatan iddoo hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaatiif tikkeettii seensaa kutatu. Tapha maallaqa miiliyoonota hedduu argachuufis itti morkataniidha.

Abbaan mo’e hanga paawundii miiliyoona 54.4 kaazinaa isaatti galfata.

Chaampiyoonsi Liigii irratti abbaan hirmaatu mirga tamsaasa Televiziyoonaa, gurgurtaa tikkeetiifi Ispoonsaroota irraa hanga Paawundii miiliyoona 100 argata.

Kilaboota humna faayinaansii isaanii jabeeffachuu fedhan kana lamaaniif maallaqni kunillee akkaan barbaachisaadha.

Bara dorgommii kana Maanchistar Yuunaayitidiifi Tootenhaam si’a sadii waliin taphataniiru. Sadanuu Tootenhamtu irra aane.

Riikordiin kun ofitti amanamummaa warra Toetenhaam kan utubu ta’a.

Tapha sadiin goolii sadi Maanchistar Yuunaayitid irratti kan galche Dominik Solaankee dhimma kana irratti gaafatamee, “ragaa yoo ilaaltan mo’achuutti dhihaannee jirra.

Tapha kana irratti garuu gareen lamaanuu kana hafee akka hin qabaannetti falmatu” jedhe.

Maanchistar Yuunaayitid taphoota Piriimiyeer Liigii 18 bara kanaan mo’ameera. Kun walakkaa jaarraa keessatti riikordii isa gadi aanaadha.

Waancaa kana injifatanii deeggartoota kiisuuf carraaqu.

Joshuwaa Zirkizee, Leenii Yooroo, Diyeegoo Daalot miidhamarraa bayyanachuun saanii leenjisaa kilabichaa Ruuben Amooriimiif oduu aagati.

Maatiyaas Deliiti taphachuuf dhiisuun isaa adda bahauu baatus qophaasaa yoo shaakalu mul’ateera.

Amooriim Jimaata darbe Istaamfoordi Biriijitti Cheelsiin tapha mo’ataman booda “hojii guddaa, kan taatee hedduu xumura bara dorgommichaa jijjiirutu nu fuuldura jira” jechuun waancaa kana mo’achuun hagam aara galfii akka ta’uuf dubbatee ture.

Taphoota liigichaa 21 kan mo’ame Tootenhamis bara 1978 gara liigichaatti erga deebi’ee asitti riikordii gadi aanaa galmeessisuuf jira.

Kilabichi waancaa Liigii Awurooppaa kana caasaa duraaniitiin si’a lama injifate.

Bara dorgommiin kun eegale 1972 fi 1984 jechuudha. Garuu walumaagala waggoota 17 darbniif waancaa tokko illee hin mo’anne.

Seenaa hadhaawaa kana Maanchistar Yuunaayitid injifatanii mi’eeffachuuf Anje Postekogiluufi taphattoonni isanii Ispeen Bilbaa’oo deemaaniiru.

Gareen lamaan Piriimiyeer Liigiin walitti si’a 39 injifatamanii har’a wal mo’achuuf morkatu.

Seenaa dorgommii kilaboota ardii Awurooppaatiin kilabni liigii biyya keessaatiin sadarkaa gadi aanaa irra taa’ee waancaa injifate Weestihaam Yuunaayitid qofaadha.

Waggaa lama dura Piriimiyeer Liigiin sadarkaa 14ffaan xumuree waancaa Konferensi Liigii Awurooppaa argateera.

Maanchistar Yuunaayitidis ta’ee Tootenhaam liigichaan sadarkaa 14ffaan xumuruuf tapha liigichaa tokko tokko isaan hafeen injifatanii, kan isaanii ol-jiran Wolvisiifi Weestihaam Yuunaayitid tapha torbee xumuraa liigichaa moo’amuu eeggatu.

Taphataan Tootinhaam Mikii Vaandeveen “tapha kana injifannee warreen Tootenhamiif mallatteessinaan waancaa hin argattan” jedhaniif deebii laanna jedheera.

Ruuben Amooriim immoo “waancaa kana hin fudhannu taanaan Maanchistar Yuunaayitid keessatti xumuraaf gahuu keenya kan yaadatu hin jiraatu” jechuun dhaadate.

Dorgommii Gamtaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa qopheessuu irratti kilaboonni Ingilaandi qofti xumuraaf ennaa gahan kan har’aa kun si’a 6ffaafi.

Tapha 100ffaa isaanii Tottenhamiin kan dursan Anje Postekogiluun kana dura akkas jedhanii ture; “kilaba tokko dursuu eegalee waggaa 2ffaa irratti waancaa wayii inuman injifadha.

”Kana dhugoomsuuf San Maamesitti qopheessaan dorgommichaa ‘UEFA’n “fardis, dirreenis kunooti’’ ittiin jechuuf sa’aatii lakkaa’aa jira.Habtaamuu Taammiruutiin

Enter

Obn

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...