Akkuma Waqtii Birraan bari’uuf jedhu daraaraan hudhee fooliin isaa halaalaa nama waamu dargaggeessii qaamaafi qalbiin cime, gamaa gamanaa wal waamee sirba Goobee sirbaa jedhan jedhama.
Sagaleen dargaggeessaa walakkeessa Hagayyaarraa eegalee sirba goobeen qillisu bar’uu Birraafi abdii namatti urgeessa jedhan, Jaarsoliin biyyaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Qarsaa Maallimaa Abbabaa Ibsaafi Naggasaa Kaasahun.
Quufa, gabbinniifi nagaan jiraachuu labsuun abdii egerees akeekaa jedhan.
Aanichumatti dargaggoonni utuu isaan sirba goobee sirbanii aginee dubbifnes sirnichi iddoo walgeettii hiriyootaafi dargaggootaa ta’uu himan.
Sirboota sirna goobee keessas tokko lama irraa nuuf jedhan.
Yeroo qe’ee namaa seenuun waa harkaa baafachuuf weeddisanis akkas jenna jedhan.
Yeroo gumaata argatanis akkas jennee faarsina jedhan.
Waan gumaataan walitti qabatanis hojilee hawaasummaaf akka oolfatan himan.
Warra maqaa goobeen duudhaa sirnichaan ala raawwatanis dhiisaa jechuun gorsaniiru.
Sirni akkasii isin bira jiraa, maalsaatti gammaddu maalsaammoo qeeqxu karaa saanduqa yaadaa keenya nuuf barreessaa. Habtaamuu Mokonniniin
