Home Oduu Baasota Baasii hir’isan.

Baasota Baasii hir’isan.

0

Kanaan dura Magaalaa keessatti baasiin geejjiba uummataa tajaajila kennaa ture xinnoodhuma utuu hin turiin foolii bishaanii ta’e jedhan, Jiraattonni Magaalaa Adaamaa. Ammas yaadda’uu hin hafne.


Tibba darbe Magaalaa Adaamaatti  baasonni geejjiba uummataa tajaajila kennuu eegalaniiru.


Baasonni haaraa galan sagal yoo ta’an kan duraan turan dabalatee sararoota 11’n tajaajila kennaa jiru.
Konkolaattonni kunneenis  garee investimentii Adaamaatiin hogganamu.


Baasiiwwan kunneen tajaajila eegaluun qisaasama yeroofi maallaqaa nuu fureera jedhan, jiraattonni.
 Muuxannoon kanaan duraa akka itti hin fufnes dhammatan.


 Konkolaachiftoonni baasichaas waan taajjaban qabu.  


Baasiiwwan kunneen kana sa’a 12:30 irraa eegalee hanga galgala sa’a 2’tti tajaajila akka kennan ‘Adama Investment Group’tti Daayirektarri Damee Geejjibaa Obbo Kabbadee himaniiru.

Kunis gaaffii uummataa yeroo kan deebise ta’uu akeekan.

Toora fedhiin geejjibaa adda baasuun bobbiin kennamuus dubbatan.


Isin geejjiba uummataa Magaalaa keessatti tajaajila kennutti fayyadamtanii beektuu? Waan taajjabdan sanduuqa yaadaan nuuf qoodaa!

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version