Home Oduu Jila wal argiifi Nyaachisaa

Jila wal argiifi Nyaachisaa

0

Jila wal argii Ilmaan Guyyoo Gobbaa ‎ jila nyaachisaa eegaluuf ardaa jilaa Gumii Gaayootti jilachaa jiru. ‎

OBN Cyber Media’ Hagayya 20, 2017 Ilmaan kormaa jechuun ilmaan bara gadaa tokkoo keesaatti dhalatte yokaan yeroo abbaan isaanii gadooma keessa jiru dhalatte jechuudha. Ilmaan kormaa eegii dhalattee aadaa dabballoomaatiin ganna saddeeti baateen booda guduruu buufatte gara sadarkaa Gammeetti ceeti. Sadarkaa Gammeetti jila akka wal argii fi nyaachisaa jilachuun, Goodiyyaa godaanu. Archiin duuba Gammee buufatanii (haadatanii) gara sadarkaa Kuusomaatti darbu. ‎

Galgala jalqabaa karra abbaa Gadaa Guyyoo Gobbaatti wal argu. Yoo karra abbaa gadaan baatu Eeboo keeyyachuun fuula ila boruutti yokaan gara bahaatti deebi’uun muratu. Murachuu jechuun Waaqa kadhachuu yokaan eebbifachuu jechuudha.

Yeroo Muratan:

Haay Haay Haay jechaan dubbii Dubbiin waan jilaa obbaasa.

Waaqa jila obbaasii Dubbataa uumii, Ka uumte bulchi

Qaroo uumii Ka uumte bulchi

Tuuta gurmeessii Gurmuu lubaa bulchi

Nu Kaayoomsii Nu Gaaroomsi

Jila Obbaasii jechuun Jila fuula dura isaanii jirtu hundumaaf Waaqa kadhatu.

Ogeessaa wajjira aadaa fi Turizimii Godina Booranaa obbo Tulluu Jaldeessaa kaayyoon guddaan jila ilmaan goggeessaa tokkoo kan Booranaa guutuu karra abbootii isaatiin arguun wal baruu, aadaa jabeessuu fi gogeessa jabeessuun aadaa dhalootaa dhalootatti dabrsu jedhan.

Jilli kun erga karraa abbaa isaanitti wal arganii booda lafa Booranaa keessaa yaa’uun sangaa qalatu. Jalqaba sangaa Ilmaan Badhaadhaatu qalama. Ilmaan Badhaadhaa jechuun nama abbaan isaanii fulaa dhugaa dhaqe yokaan lubbuun hin jirree jechuudha. Ilmaan badhaadhaa abbaa isaanii waan fulaa dhugaa dhaqeef(boqoteef), hamilee isaanii eeguuf jecha dursii kennamaafi jedhu.

Jilli wal argiifi Nyaachisaa kun qa’ee abbaa Gadaa Booranaa Toorbaatameessoo Guyyoo Gobbaatti taa’amaa jira.

Halakee Huqqa’tu gabaase. #cultural#Gadaa#Oromia

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version