‘OBN Cyber Media’ Mudde 24, 2017-Daa’imman soorata qabiyyee garaa garaa of keessaa qabu soorachuu dhabuun,quucarummaaf saaxila jedhan, Pirofeesara Gargaaraafi Ispeeshaalistiin yaala dhibee daa’immanii Dr.Efreem Oljirraa.
Daa’imman abdii egeree akka ta’aniif, har’a kunuunsaafi deeggarsa barbaadu.Daa’imman carraan osoo hin taane kunuunsaan yoo guddatan qaama, sammuu, qoor-qalbiifi hawaasummaanis ciccimoo akka ta’an, Koolleejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaatti Pirofeesara Gargaaraafi Ispeeshaalistiin yaala dhibee daa’immanii Dr.Efreem Oljirraa himan.
Maatiin hubannoo gahaa dhabuuf gariin ammoo xiyyeeffannoo kennuu dhiisuun daa’imman hedduun nyaata qabiyyee gara garaa of keessaa qabu hin sooratani; kunimmoo dhibee garaa garaaf isaan saaxila jedhan.
Dr Efreem dhibeewwan daa’imman mudatan keessaa quucarummaan sababoota adda addaan dhufu haala hawaasummaafi xiinsammuu daa’immanii miidha jedhan.
Irra deddeebiin dhukkubsachuun ammoo rakkoo quucaruu isaanitti fida; kanaan walqabatees yeroo hedduu daa’imman dhibee quucaruun miidhaman yaaluurrattan yerookoo dabarsa jedhan, Dr Efreem. Daa’imman dhibeen kun isaan mudates dandeettiin waa xiinxaluu dadhabuufi gahumsa barnootaa gadaanaa qabaachuu dabalatee kanneen birootu isaan mudatas jedhan.
Daa’imman wayita garaa keessatti uumamanii kaasee kunuunfamuu qabu, dhibeen quucaruu akka isaan hin mudanneefis haadholiin ulfaa soorata qabiyyee gara garaa of keessaa qabu akkaataa salphaan qe’ee isaaniitti misoomsanii soorachuu qabu jedhan.
Maatiin daa’imman isaanii yaalichifachaa jiranis gorsaafi deeggarsi ogeeyyii kan isaan fayyade ta’uu himaniiru. Leensaa Waaqwayyaatu gabaase
