‘Ayyaanatti hanqinni dhiyeessii akka hin mudanneef Magaalotaaf oomishaalee gahaan dhihaachaa jira’ – BDO ‘OBN Cyber Media’ Muddee 24,2017- Ayyaana sababeeffachuun Magaalota Oromiyaaf oomishaalee gahaa dhiheessaaa jiraachuu, Biiroon Daldalaa beeksise.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gashoo, ayyaanota sababeeffachuun gabaa tasgabbeesuuf qooda fudhattoota waliin ta’uun oomishaalee barbaachisoo baay’inaafi qulqullinaan gabaaf akka dhihaatan qaamolee adda addaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsan.
Gabaa Sanbataafi Dilbataa 442 Magaalota keessatti hundaa’uun oomishaaleefi meeshaaleen barbaachisoo Zayitii nyaataa liitirii miliyoonni 10 dhihaachuu eeranii;fuduraafi mudaraanis karaa oomishitootaafii waldaalee hojii gamtaa qinxaaboo dhihaachaa jira jedhan.TOI
