Gaaffiin hulaa galaanaa Itiyoophiyaa seera idil-addunyaa kan bu’uureeffate ta’uu, Hayyootni Yuunivarsiitii Mattuu himan.
Biyyi tokko hulaa galaanaa argachuuf dipiloomaasiin murteessaa ta’uu kan eeran Yuunivarsiitii Mattuutti barsiisaan Saayinsii Siyaasaafi haariiroo Idil-ddunyaa Gabruu Margaa, ulaan galaanaa dhimma hawaas-dinagdee biyyaa utubuuti jedhan.
Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuun dhimma seera idil-addunyaa qofa osoo hin taane dhimma walabumaa biyyaanis walqabata kan jedhanimmoo barsiisaa Saayikooloojii Phaawuloos Takkaallinyi.
Itiyoophiyaan hulaa galaanaa yoo argatte oomishni alergee saffisaan gabaa addunyaatti makamuun maddiitti investimantiis ni hawwataa akeekan.
Kunimmoo dinagdee biyyaa bayyannachiisuun nageenya gaanfa afriikaafi toora galaana Diimaa mirkanneessuufis kan gumaachu ta’uu ibsan.
Bafiqaaduu Mokonniin
