‘OBN Cyber Media’ Bitootessa 30,2017-Taarifni kaffaltii gibira omisha alaa galanirratti buufamu yoo ta’u, biyyoonni omishtoota biyya keessaa jajjabeessuuf yaadanii hojiirra kan oolchani.
-Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi biyyoonni biroo omisha nuti biyyasaanitti erginurratti taarifa dabalaa jiru kanaaf omisha alaa galaanirratti taarifa buusuu qabna jechuun waadaa wayita duula filannoo gaggeessa turan galan amma amma hojiitti hiikaa jiru.
Jalqaba omisha Meeksikoofi Kanaadaarraa gara Ameerikaatti galirratti taarifa harka 25 buusan itti aansuun omisha Chaayinarraa galanirrratti taarifa hanga harka 20 itti dabaluu himan.
Boodarra ammoo Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa 100’tti dhiyaatanirratti taarifa harka 10 hanga 49 itti dabaluu ifoomsan.
Daballiin taarifaa Ameerikaan bahe Itiyoophiyaaf carraafi miidhaa akkamii qaba jechuun ogeessa Faayinaansii,Obbo Gammachuu Birhaanuu dubbisneera.
Akka Obbo Gamachuun jedhanitti, diinagdee keessatti omishtoota biyyaa keessaa jajjabeessuuf omishni biyya alaa akka hin baay’anneef daballiin taarifaa barbaachisaadha.
Taarifni Ameerikaan omisha alaa galanirratti dabalte Itiyoophiyaarratti miidhaa qabaatus carraawwan investimentii hedduu fidee dhufaa jedhan.
Taarifni omishaalee Ameerikaan omisha Chaayinaarraa gara Ameerikaatti galanirratti buuste kan duraa osoo hin dabalatiin harka 34 kun ammoo dureeyyiin Chaayinaa Itiyoophiyaa dhufanii yoo hojjetan bu’aan argatan guddaadha.
Dureeyyiin Chaayinaa keessatti omishani gabaa Ameerikaaf dhiyeessuuf kan jalqaba dabalan wajjin taarifa harka 54 kanfaluu qabu.
Garuu Itiyoophiyaa keessa dufanii omishanii gabaa Ameerikaatti yoo ergan harka 10 qofa kanfalu.Kun ammoo hojiin beeksisuu yoo sirnaan hojjetame Itiyoophiyaa carraa investimentii guddaa ta’uu danda’a.
Itiyoophiyaan paarkiwwan indaastirii 10 gara zooniiwwan diinagdee addaatti jijjiiruun dureeyyiin investimentii keessatti akka himaataniif haala mijataa uuma.
Akka Obbo Gammachuun jedhanitti, seeronni zooniin diinagdee addaa itti hoogganaman dureeyyiin biyya alaa akkuma waan biyya isaanitti omishaa jiranii kan mijatuufi.
Dhiyeessiin anniisaa elektiriikaa kan biyyoota biroorra gatiin isaa gadi aanaa ta’uun fayyadamoo isaan taasisa jedhan. Kanaaf Itiyoophiyaan carraa kanatti akka fayyadamtuuf hojiin beeksisuu cimuu qabaan dhaamsa ogeessa faayinaansii,Obbo Gammachuu Birhaanuuti.Hayiluu Takkuutu gabaase
