‘OBN Cyber Media’ Mudde 23,2017-Bunni Laagee baay’inaafi qulqullinaan akka misoomuuf Yuunivarsiitiin Wallaggaafi Giddu Galli Qorannoo Qonnaa Jimmaa hojjetaa jiru jedhame.
Bunni Laagee dhandhama gaarii mukuu nama baasuufi qulqullina addaa qabu kun Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoorootti misooma.
Buna dhandhamaafi qulqullina addaa qabu kana Yuunivarsiitiin Wallaggaafi Giddu Galli Qorannoo Qonnaa Jimmaa qorannoon deeggaruun akka babal’atuuf hojjetaa jiru jedhame.
