Biiroon Galiiwwanii Oromiyaa ji’oota jahan darban galii Birrii biiliyoona 100fi biiliyoona 4 walitti qabuuf karoorfatee biiliyoona 94 walitti qabuu beeksise.
‘OBN Cyber Media’ Amajjii 16,2017- Biirichi bara baajataa kanatti Birrii biiliyoona 200fi biiliyoona 500 walitti qabuuf karoorfate.
Ji’oota jahan darban baranaatti immoo Birrii biiliyoona 100fi biiliyoona 4 walitti qabuuf karoorfatee Birrii biiliyoona 94 galchuu beeksise.
Galiin kun karoora milkeessuuf qabate hanqatus kan bara darbee yeroo wal fakkaatuun Birrii biiliyoona 36 fi miiliyoona 900’n ol caalmaa qaba jedhame. BKO
