Home Oduu Haadha dhabuu mannaa, haadha dhabduu wayya

Haadha dhabuu mannaa, haadha dhabduu wayya

0

OBN Cyber Media Amajjii 16,2017-Haati dhalasheetiif waan hin taane hin qabdu. Jaalalli isheen ilmaan isheef qabdus adda. Oromoonis, waa’ee haadhaa mammaaksaan yoo ibsu, ”Haadha dhabuu mannaa, haadha dhabduu wayya” jedha.

Taateen tibbana Godina Hadiyyaa, Magaalaa Hosaa’inaatti mudates jaalalli haadhaa kan hanga hin qabne ta’uu kan agarsiisuu dha.

Dubbichi akkana: Amajjii 11 bara 2017 ganama sa’aatii 3:00’tti haati Aadde Dambalee Asraat jedhaman manasaanii Magaalaa Hosaa’inaa ganda Jaloo Naaramoorraa mucaasaanii waggaa kudha lamaa wajjin uffata miiccuuf laga Shilaansaa jedhamu dhaqu.

Osoo haati uffata miiccaa jiranii waraabessa bosona keessaa bahee garasaaniitti dhufaa jiru wajjiin ija walitti babaasu.

Aadde Danbaleefi dubartoonni biroo uffata miiccaa turan waraabessichi ni deema jedhanii eeganis sirumaa mucaasaanii isaan wajjin jiru harkaa butuuf itti siqe.

Haati dhimmi kun isaan naasiseefi dubartiin biraa Aadde Maqdas Takkaa jedhaman mucicha baraaruuf tattaafatan.

Waraabessichi dubartoota lamaan bira darbee harka mirgaa mucaa umrii 12, Handakiinaa Girmaa jedhamuu qabee waan harkisuu eegaleef, haati harkasaanii tokko afaan waraabessaatti galchuun harkasaanii kaaniin ammoo morma waraabessichaa hudhanii qabuun mucaasaanii baraaran.

Tarkaanfiin gootummaa haati kun yeroo kanatti fudhatanis, namoota odeeffannoo kana dhaga’an ajaa’ibsiiseera.

Sana booda, namoonni naannawaa sana iyya dhaga’anii birmatan waraabessa daa’imicha nyaachuuf yaale ajjeesan.

Yeroo ammaa kana haatis mucaansaaniis haala fayyaa gaariirratti kan argaman yoo ta’u, wal’aanamaas jiru.

Yeroo taateen kun uumamu bakkicha kan turaniifi Aadde Dambalee wajjiin mucicha baraaruuf kan tattaafatan Aadde Maqdas Takkaas haalichi daraan rifaasisaa ta’uu eeran.

“Oggaa haati mucaa koo nyaachuurra ana fudhadhu jettu dhaga’een, anis haadha mucaa tokkootii garaan na raafame” jechuun ibsu.

Daareektara Bakka Bu’aan Qajeelcha Poolisii Godina Hadiyyaa Komaandara Ittaanaa Abaataa Saadeeboo, kanaan duras yeroowwan adda addaatti waraabessi sa’aatii hin baratamnetti bahaa turuufi hawaasa waliin ta’uun to’achuu yaadachiisaniiru.

Ta’us waggoota dhiyoo as taateen akkanaa mudatee akka hin beekne eeranii, aarsaan haati mucaasaanii baraaruuf kaffalan kan jaalalli addaa haadhaa irratti mul’atee fi gocha ajaa’ibsiisaa dha jedhan.

Birmaannaa hawaasni naannichaa taasisee fi tarkaanfii waraabessicharratti fudhateef galateeffatanii; ummanni of eeggannaa gochuu akka qabus hubachiisaniiru jechuun TV Hadiyyaa wabeeffachuun Nimoonaa Maamuudeetu gabaase

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version