Home Articles Saamtonni qoricha nama hadoochu fayyadamuun hangam miidhaa geessisaa jiru?

Saamtonni qoricha nama hadoochu fayyadamuun hangam miidhaa geessisaa jiru?

0

”Qorichaan na xuqanii birrii kuma dhibba 4 na saaman” Obbo Dabbabaa Itichaa

Saamtonni qoricha nama hadoochu fayyadaman nama daldalanii bulanirraa birrii kuma dhibba 4 fudhatan.

Obbo Dabbabaa Itichaa jedhamu. Baatii 5 dura hojiif gara Finfinnee dhaquun Qaallittiirraa gara Saarbeetii deemuuf Raayidii qabatan.

Sana booda namni tokko gara geejjiba isaan kontiraata qabatanii dhaquun innis gara Saarbeetii dhaqaa akka jiru himuun kaffaltiisaa qooddachuuf waliigaluun iddoo gahumsa isaaniis nagaan gahanii adda bahan.

Booda wayita Obbo Dabbabaan dhimma hojii isaanii xumuratanii Biiroo keessaa gadi bahan, namichi kun yeroo 2ffaa natti dhufee ” Ahaa ammas akka carraa walitti dhufne” naan jedhee harka na fuudhe jedhan.

Sana booda wanti ta’e hunduu akka abjuutti natti yaadatama kan jedhan Obbo Dabbabaan, namichi kun waan akka Ocholoonii ykn Lawuzii fakkaatu wayita afaan na kaa’us nan yaadadha jedhu.

Kanaan booda, hanga maallaqa inni gaafate ‘mobile banking’ fayyadamuun dabarsuufii eegalan.

Haluma kanaan lafti dhiyee bari’ee naannoo sa’aatii 4:00’tti xiqqoo qalbiitti deebi’uusaanii yaadatu, Obbo Dabbabaan.

Kunis ta’ee garuu, hanga torban tokkootti guutummaan guutuutti gara qalbii isaaniitti hin deebi’iin turuus himan.

Kanaanis hanga maallaqaa namichi bilbilee naaf galchi jedhuu namarraas ta’u liqeeffatanii itti dabaluun ergaafii turan.

Walumaagalatti, Obbo Dabbabaan torban tokko keessatti birrii kuma dhibba 4 saamamuu himan.

Boodarra erga of baranii garuu ragaa lakkoofsa herregaafi maqaa abbaa herregichaa seeratti dhiyeessuun, maallaqa isaanii deebifachuuf adeemsarra jiraachuus ‘OBN Cyber Media’tti himaniiru.

Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Adaamaatti Barsiisaan Saayikooloonii Kumsaa Doonis(PhD) hattoonni qorichoota ogeeyyiin fayyaa namoota ittiin hadoochanii wal’aanan seeraan ala miliqsuun gocha badaa kana ittiin raawwatu jedhan.

Yeroo mara qalbiin socho’uu, geejjiba fermaataa seera-qabeessarraa ka’utti tajaajilamuu, namoota wal hin beekne harka fuudhuu dhiisuufi gocha shakkisiisaa yoo argan qaama seeraatti beeksisuun, mala hannaa kanarraa of baraaruutu fala jedhan. Nimoonaa Maamudeen

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version