Giddu galli qorannoo, Muuzii harka 60fi midhaan harka 40 walitti makuun Daabboofi biddeen irraa akka qophaa’u mirkaneesse.

Date:

Wiirtuun Qorannoo Qonna Malkaa Sa’aa Muuzii sanyii filatamaa bilchaatee nyaatamu qorannoon argachuu ibse. Muuziin sanyii filatamaa haaraa qorannoon argame kunis bilcheeffamuun buddeen, Daabboofi Marqaa ta’ee nyaatamuu danda’a jedhameera.

Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa biyyoolessaatti qindeessaan muduraalee gammoojjiifi badda daree Obbo Markabuu Ayyaalew, Muuziin haaraa qorannoon argame albuuda ol’aanaa qabaachuu ibsuun, bifa adda addaan goggogsuun muuzii harka 6o midhaan harka 40tti makuun bilcheessanii nyaachuun nyaata gabbataa argachuuf gumaacha jedhan.

Muuziin sanyii filatamaa duraan hektaara tokkorraa kuntaala dhibba 2 oomishamaa tures, dachaa afurii oliin dabaluun hanga kuntaala dhibba 600 argamuu danda’a jedhan. Muuziin kun dhibee kan dandamatuufi dhaabamee ji’a torba keessatti gahas jedhameera.

Muuzii dabalatee bu’aa qorannoo muduraaleefi midhaan garaagaraa argatan qonnaan bultootaaf kennuun oomisha qonnaa dabalaa jiraachuus Daarektarri Ol’aanaa wiirtuu Qorannoo Qonnaa Malkaa sa’aa Dr. Amaaree Fufaa ibsaniiru.

Muuzii sanyii filatamaa bilchaatee biiffee ta’uufi oomisha olaanaa qabu qoratanis qonnaan bultoota Godinaalee Shawaa Bahaafi Arsii daawwachiisuun hubannoo kennuufii himan.

Inistitiyuuutii qorannoo qonnaa biyyoolessatti daarektarri midhaanii Dr. Fiqaaduu Gurmuu Itiyoophiyaan wabii nyaataan akka of dandeessuuf bu’aalee qorannoo haaraa babal’isuun hawaasatti madaqsaa jiraachuu eeran. Kuraabaachoo Geetuun

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Dubartootaafi Dippilomaasii

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 Humna bishaanii mala dubartii siif...

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...