Liigii Awurooppaan har’a Maanchistar Yuunaayitidiifi Liyoon waliin morkatu

Date:

Tapha marsaa jalqabaa nuusa xumuraa  Liigii Awurooppaan MU gara Firaansi imaluun Olompik Liyoon waliin taphata.

Bara kana dorgommii Awurooppaan osoo hin mo’amiin imalaa kan jiru Maanchistar Yuunaayitid riikardii qabu eegsifachuuf taphata.

Erga Ruuben Amooriim ji’a Sadaasaa leenjisaa kilabichaa ta’ee taphoota 6 keessaa 5 injifachuun 1 qixa yoo bahu, Piriimeer Liigii Ingilaandiin garuu taphoota 20 keessaa 6 qofa mo’ate.

Garaagarummaa gahumsa dorgommii Awurooppaafi biyya keessaa irratti kan gaafatame Ruuben Amooriim, Ingilaandi keessatti taphni saffisa qabaachuufi jabeenya qaamaa cimaa qabaachuu barbaachisa, dorgommii Awurooppaan garuu yeroo itti yaaddu ni argatta jedhe.

Dorgommii liigii Awurooppaan shaampiyoonii ta’uun immoo waancaa argachuu qofa osoo hin taane, gara Chaampiyoonsi Liigiitti deebi’uufi Faayinaansii kilabichaa utubee karoora qabanne milkeessuu keessatti gahee guddaa qaba jedhe.

Gama Maanchistar Yuunaayitid Koobii Maayinoon ji’oota lama boodha miidharraa deebi’uun gara Firaansi yoo imalu, Maatis Deeliit garuu  miidhama qubasaarra gaheen ammas tapha kanaaf qophii miti.

Taphoota biroon sa’aatii walfakkaataa 4:00 irraa eegaluun Tootinahaam Ayintiraa Firaankifarti, Reenjarsi Ateetik Bilbaa’oo waliin taphatu.

Galagala sa’aatii 1:45 irraa eegaluun Boodoo Giliimti Laaziyoo waliin taphatu.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

“Paartiin Badhaadhinaa seenaa gara qabeenyaatti; hambaa gara duudhaatti jijjiire”- Obbo Tamasgeen Xurunee.

‘OBN Cyber Media’ Guraandhala 03,2018 Paartiin Badhaadinaa mata duree “...

Haaromsi Aadaa injifannoo Oromoo ceesisudha!

‘OBN Cyber Media’Guraandhala 01,2018 Oromoon sadarkaa gaanfa Afrikaatti saba guddaa...

“Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya diinagdeen gahoomsa”-Obbo Namarraa Bulii.

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 29,2018 Imalli badhaadhinaa hawaasa keenya aara...

“Buusaa Gonofaan duudhaa namoomni ittiin calaqqisiifamuufi jireenyi guyyuu ittiin qajeelfamudha”-PMNO obbo Shimallis Abdiisaa.

Oromoon falaasama sirna Gadaa ijaareen jaarmiyaalee seeraafi sirnaan guutamanii...