“Waldhabdee Siyaasaa furuuf Mariin Biyaalessaa Murteessaadha.”Barsiisaa Darajjee Xilaahun.

Date:

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 18,2018

Fedhii aangoofi seenessi dogongoraa kanaan dura ture waldhabdee siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti uumamaa jiruuf sababa kan jedhan Yuunivarsiitii Dambi Doollootti Barsiisaan Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-addunyaa Darajjee Xilaahun, rakkoo kana furuuf mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu himan.

Mariin biyaalessaa karaa hunda hirmaachiseen hojiirra ooluu jalqabe furmaata waaraa fiduu danda’aas akeekan.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa qaamolee hunda karaa iftoomina qabuun hirmaachisuun, ajandaa walitti qabuuf sochiin gochaa tures jajjabeessaadha jedhan.

Ajandaa walitti qabame xiinxaluun gara Imaammataatti jijjiiramee hojiirra akka ooluufis hirmaannaan qooda fudhattootaafi dhimmamtootaa cimuu qaba jedhan.

Mootummaanis hojiirra oolmaa isaatiif kutannoon hojjechuun nageenyi waaraan akka jiraatuuf cimsee hojjechuu qabaa akeekan.

Iddoosaa Yoonaasiin

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Misooma Ashaaraa Magariisaa; Dinagdee Magariisaa ijaaruuf bu’uura kaa’e!

'OBN Cyber Media' Waxabajjii 18,2018 Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Riqicha Kaleessaafi...

“Ajandaawwan biyyaalessaa, adeemsa hunda hammataafi hirmaachisaa ta’een adda ba’eera.”- Pirofeesar Masfin Aar’aayaa

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 17,2018 ​ Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa...