Home Oduu “TPLF, walqixxummaa sabaafi Sablammootaatti kan hin amannedha.” Tamasgeen Lammeessaa.

“TPLF, walqixxummaa sabaafi Sablammootaatti kan hin amannedha.” Tamasgeen Lammeessaa.

0

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 17,2018

Murni garee finxaaleyyii TPLF ummanni Tigraayi gadadoo waraanaa keessa akka turuufi dhaloota egeree akka hin horanne gochaa jira jedhan,Yunivarsiitii Jimmaatti Qorataafi Barasiisaan Saayinsii Hawaasaa Pirofeesara Garagaaraa Tamasgeen Lammeessaa.

Itiyoophiyaa biyya nageenya gaanfa Afirikaaf wabii taate humni kamuu diiguu hin danda’us jedhan.

Gareen finxaayeyyii TPLF murna tokkummaa sabaafi Sablammootaaf gufuu ta’uus himan.

Humni kaleessa waggaa soddomaaf biyya hogganaa ture olaantummaa dhuunfaa isaa eeggachuuf biyyatti diina ta’uun biyyoota masaanuu ta’an waliin Itiyoophiyaa diiguuf karoorfates jedhan.

Gareen finxaaleyyii TPLF murna olaantummaa ofii isaa malee walqixxummaa sabaafi Sablammootaatti hin amannes jedhan, Pirofeesara Gargaaraa Tamasgeen.

Humna Itiyoophiyaa balleessuu barbaadu waliin hariiroo uummaachuun carraaqqii isa dhumaaf wixxifachaa jiraachuu agarsiisas jedhan.

Kaayyoon gareen finxaaleyyii TPLF xiyyeeffannoo mootummaan misoomaafi guddinarratti qabu yaalii gufachiisuutis jedhan.

Ijaarsa sirna dimokiraasii eegalame, dinagdee saffisaa biyyattin qabatte gufachiisuuf kaayyoo raawwatame waan ta’eef, ummanni gocha garee kanaa dura dhaabbachuu qabas jedhan.

Gochi garee finxaaleyyii TPLF kun raawwachaa jiru ummanni Tigraayi gadadoo waraanaa keessa akka turuufi dhaloota egeree akka hin horanne kan taasisu ta’uus Pirofeesara Gargaaraa Tamasgeen himaniiru.

Abdii Rabbumaatu gabaase.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version