‘OBN Cyber Media’Adoolessa 17,2018
Taphataan Kubbaa Miilaa hidda Oromoo Kilaba Noorwiich Siitiif taphataa jiru Alii Ahmad guddattootafi dargaggoota Itiyoophiyaatti abdii hore.
Taphataan dargaggeessi lammii Kaanadaa hidda Oromoo kun tibbana biyya abbaasaa dhufuun daawwataa jira.
Maatiin Alii Ahmad waggoota 30’n dura Oromiyaa Harargeerraa gara Kaanadaa kan imalan yoo ta’u, innimmoo Kanaadaatti dhalate.
Maqaan isaa guutuu Ali Afandii Ahmad jedhama. Garuu Maqaa biyyoota Lixaatti waamamuun dhaabbileen miidiyaa Kaanaadaa maqaa Alii Ahmad jechuun waamu.
Inumaa maqaa isaayyuu anatu baaseef jedhan Harmeen isaa Addee Muntahaa Aliyyii.
Maqaan isaa maqaa abbaa kiyyaati. Anatu itti moggaafates jedhan Aadde Muftahaan.
Maatiin Obbo Afandii ijoollee shan horatan keessaa Aliin afraffaarratti dhalate.
Taphataan sarara gidduu ganna 25 kun waggaa 4’tti kubbaa miilaa taphachuu akka eegale Abbaan isaa Afandii Ahmad fi Harmeen isaa Aadde Muntahaa Aliyyi OBN’tti himaniiru.
Aliin ijoollummaasaatti Kubbaa Kaachoof fedhii Olaanaa qabaatus, akkaadaamiiwwan Kubbaa Miilaa North Toronto fi Vancouver Whitecaps keessatti kennaa Kubbaa miilaa qabu teekinikaan dabaaluun taphataa sarara gidduu murteessaa ta’e.
Bitootessa Bara 2022 waliigaltee Pirofeeshinaalaa garee dargaggootaa WhiteCaps keessattis mallatteesse.
Ji’a Tokkoon booda garee jalqabaa kilabichaa Vankoovar Whitecaps’tti makamuun, carraa Mejar League Soccer keessatti taphachuus argate.
Alii Ahmad Addunyaa Ispoortiin kan wal bare garuu jijjiirraa gara Kilaba Shaampiyoonshippii Norwich Siitii’tti taasiseeni.
Amajjii 2026 Waliigaltee waggaa Sadii fi walakkaa Noarwiich Siitiif mallatteessuun dhageettii argachuu eegale.
Akka ragaaleen ibsanitti Aliin paawundii miliyoona lama ta’uun Noorwiichitti makame.
Noorwiich Siitiin bara dorgommii 2019/20 fi bara 2021/2022 Pirimiiyeer Liigii keessatti kilaba akkaan dorgomaa tureedha.
Tapha isaa jalqabaan Amajjii 17, 2026 Noorwiich Sitiin,Wrexham waliin taphate irratti daqiiqaa 10’n jalqabaa irratti goolii galeef haala mijeessuun Haalaan deeggartoota kilabichaa waliin walbare.
WestBromich Albion irratti goolii isaa jalqabaa Kovantarii irratti immoo goolii itti aanuu galchuun, haalas mijeessuun gahuumsa gaarii mul’isuu itti fufe.
Alii Ahmad bara dorgommii darbeen Noorwiich Siitiin tapha 19 taphateen Goolii 4 galchuun, goolii 3’f haala mijeessee kennuun milkaa’inaan gara Waancaa Addunyaa imale.
Waancaa Addunyaa 2026 irratti biyyi isaa Kaanadaan , US Amerikaa fi Mexicoo waliin qopheessite irratti Tapha 4’n biyyi isaa taphatte hunda irratti hirmaachuun gara Biyya Abbaa isaa Itiyoophiyaa dhufe.
Alii Ahmad garee biyyaalessaa Kaanaadaa keessatti taphataa qaxalee ta’ee mul’ataa turuun cinatti Kaanaadaan Waancaa Addunyaa irratti hirmaachuu erga jalqabdee waggaa 40 booda injifannoo jalqabaa akka argattuufis gumaacheera.
Marree taphataa dargageessi kubbaa miilaan gahoome kun eenyummaasaa barbaaduunis waan gahoome fakkaata. Qe’een keenya bal’oon maal fakkaatti laata jechuun biyyasaa daawwachuuf wayta gara Itiyoophiyaa dhufeetti dargaggoota fi ol adeemtoota Itiyoophiyaa kubbaa miilaan biyyasaanii waamsisuu barbaadaniif muxannoosaa qoodera.
Ol adeemtoonni Itiyoophiyaa fedhiifi kaayyoosaanitti yoo cichan galma gahuun waan hin oolle, fedhiin jiraannaan waan barbaaddan ta’uufi raawwachuu dandeessu jechuunis ibseera.
Aliin badhaasa kabajaa mallattoo Magaalaa Shaggar qabu Kantiibaa Magaalaa Shaggar Doktoor Tashoomaa Addunyaarraas fudhateera.
Kunis guddina kubbaa miilaa magaalichaatiif qooda guddaa kan qabuufi mul’ata imala gara Idil-addunyaatti kilabii kubbaa miilaa magaalaa Shaggar qabu dhugoomsuuf taphattootatti abdii horeera.
Ali Ahmad OBN kan daawwate yoo ta’u, hojiiwwan OBN gama Ispoortii keessatti raawwataa jirus cimsee akka itti fufuuf dhaameera
Habtaamuu Mokonninitu qindeesse.
