Home Articles Taphataa Kubbaa Miilaa dargaggeessa abdii eegeree fi Saffisa akka billaachaa qabu.

Taphataa Kubbaa Miilaa dargaggeessa abdii eegeree fi Saffisa akka billaachaa qabu.

0

Kabbee Buzunee – Taphataa Dargaggeessa abdii eegeree fi Saffisa akka Obonboleettii qabu.

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa  Sulultaa Naannoo Gooroo Diimaatti dhalate.

Bara 2013 gara Akaadaamii ‘Ambo Goal FIFA’ imaluun waggoota Afur achitti dabarseen kennaa kubbaa miilaa uumamaan qabu teekinikaan  dabaaluun bara 2018 taphataa Saffisaa Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaa ta’eera.

Dandeettii Kabbee Bizunee…

Kubbaa miilaa keessatti ‘Linear Speed’ (Saffisa Olaanaan gara fuulduraatti deemuu) Kabbee Bizunaa dandeettii kanaan  beekama.
Kabbee Bizunee kana keessatti wanti adda isa taasisu dandeettii kana akkaataa ittiin fayyadamudha. ‘Deceleration’ Yookin Saffisa irra jiru akka tasaa qabbaneessu danda’u isaati.

Kabbeen – dandeettii Teekinikaa Olaanaa qaba.  Hanga Sochii qaamaa (physiology) bakka baayyee dhiphaa ta’etti dafee saffisa isaa hir’isuun taphattoota garee morkataa raatessa.

Irra deebiin saffisa isaatti deebi’uun taphataa garee morkataa madaalaafi kallattii erga dhorkateen booda dandeetti gara fuulduraatti furguugga’amuu qaba.

Bakka Xiqqoo keessatti bifa kanaan saffisa ofii jijjiiruun (Change of pace) taphataan garee morkataa madaala isaa to’achuun akka hin ittisne kan taasisu dandeettii addaa Kabbee’ti.

Kun tapha ammayyaan ‘Elite Agility’ (Jijijjiirramuu Saffisaa, Saffisa ofii To’achuu, Saffisaan kallattii ofii jijjiruu) tapha irratti dandeettii dhiibbaa Olaanaa gessisudha.

Kabbee Bizunaa Bifa kanaan goolii 9 galcheera. Taatee ‘CBE’ Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018 keessaa fal’aanaan.  Saamu’eel Joonseen

#football #speed #endurance

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version