Taphataa Kubbaa Miilaa dargaggeessa abdii eegeree fi Saffisa akka billaachaa qabu.

Date:

Kabbee Buzunee – Taphataa Dargaggeessa abdii eegeree fi Saffisa akka Obonboleettii qabu.

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa  Sulultaa Naannoo Gooroo Diimaatti dhalate.

Bara 2013 gara Akaadaamii ‘Ambo Goal FIFA’ imaluun waggoota Afur achitti dabarseen kennaa kubbaa miilaa uumamaan qabu teekinikaan  dabaaluun bara 2018 taphataa Saffisaa Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaa ta’eera.

Dandeettii Kabbee Bizunee…

Kubbaa miilaa keessatti ‘Linear Speed’ (Saffisa Olaanaan gara fuulduraatti deemuu) Kabbee Bizunaa dandeettii kanaan  beekama.
Kabbee Bizunee kana keessatti wanti adda isa taasisu dandeettii kana akkaataa ittiin fayyadamudha. ‘Deceleration’ Yookin Saffisa irra jiru akka tasaa qabbaneessu danda’u isaati.

Kabbeen – dandeettii Teekinikaa Olaanaa qaba.  Hanga Sochii qaamaa (physiology) bakka baayyee dhiphaa ta’etti dafee saffisa isaa hir’isuun taphattoota garee morkataa raatessa.

Irra deebiin saffisa isaatti deebi’uun taphataa garee morkataa madaalaafi kallattii erga dhorkateen booda dandeetti gara fuulduraatti furguugga’amuu qaba.

Bakka Xiqqoo keessatti bifa kanaan saffisa ofii jijjiiruun (Change of pace) taphataan garee morkataa madaala isaa to’achuun akka hin ittisne kan taasisu dandeettii addaa Kabbee’ti.

Kun tapha ammayyaan ‘Elite Agility’ (Jijijjiirramuu Saffisaa, Saffisa ofii To’achuu, Saffisaan kallattii ofii jijjiruu) tapha irratti dandeettii dhiibbaa Olaanaa gessisudha.

Kabbee Bizunaa Bifa kanaan goolii 9 galcheera. Taatee ‘CBE’ Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018 keessaa fal’aanaan.  Saamu’eel Joonseen

#football #speed #endurance

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Walitti bu’iinsi hir’ateera.”Abiyyi Ahmad (PhD)

'OBN Cyber Media' Waxabajjii 30,2018 Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa...

“Imaanaa Ummanni filannoon nutti kenne amanamummaafi ittigaafatamummaan ba’achuuf qophiidha.’’ Abiyyi Ahmad(PhD)

'OBN Cyber Media’ Waxabajjii 30,2018 Paartiin Badhaadhinaa teessoo harka 85...

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Walga’ii Idileesaa taa’aa jira.

‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 30,2018 Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa...