โOBN Cyber Mediaโ Waxabajjii 29,2018
Seenaa guddina hawaasaa keessatti, badhaadhinni baayโina qabeenyaatiin osoo hintaane, dandeettii qabeenya gara humna oomishtummaa qindaaโatti jijjiiruutiin murtaaโeera. Biyyoonni tokko tokko badhaadhina isaanii caasaalee ijaarsatiin agarsiisan; kaan ammoo dandeettii oomishtummaa ummata isaanii qindeessuun ijaaran. Garaagarummaan isaanii bu’uuraalee misoomaa qabaachuu ykn dhabuu miti; falaasama misoomaa isaanii keessatti argama.
Har’as gaaffii murteessan sunuma; โmisooma jechuun maal jechuudha?โ Yeroo baay’ee misoomni biyya tokkoo, waan ijaan muldhatuun madaalama.
Gaaffileen baramanis: daandii meeqatu ijaarame? Gamooleen samii tuqan meeqatu dhaabbate? Magaalaan hammam baldhate? Yaaโinsi invastimantii hagam dabale? kan jedhanidha. Gaaffiileen kunniin barbaachisoo ta’anis, imala seenaa kan murteessan miti. Gaaffii murteessaan tokko; innis, โ๐๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ถ๐ถ๐ป ๐ผ๐ผ๐บ๐ถ๐๐ต๏ฟฝ๏ฟฝ๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐๐บ๐บ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ ๐ต๐ฎ๐ด๐ฎ๐บ ๐พ๐ถ๐ป๐ฑ๐ฎ๐ฎโ๐ฒ?โ kan jedhu.
Seenaa addunyaa keessatti biyyoonni magaalota gurguddoo ijaaran hedduudha. Kanniin โsirna hawaasa omishaaโ ijaaran garuu muraasa. Magaalaan โniguddataโ; hiyyummaan garuu ittifufa. Bu’uuraaleen misoomaa nibabaldhatu; qabeenyi garuu hinuumamu. Kanaafuu, guddinni marti misooma miti. Misooma jechuun qabeenya dabaluu qofa miti; dandeettii oomishtummaa qindaaโaa ijaarudha.
Misoomni dhugaa yemmuu humnoonni oomishaafi buโuuraaleen omishaa marti โ nama, beekumsa, ogummaa, dhaweessummaa, kaappitaala, qabeenya umamaa, meeshaalee omishaa, teknoolojii, dhaabbileefi mootummaa โ sirna tokko keessatti walitti hidhamanii dandeettii oomishtummaa qindaa’aa ta’an qofa dhalata. Yaanni kun qajeelfama hojii mootummaa naannoo keenyaa qofa miti. Bu’uura falaasama misoomaa Mootummaa Jijjiiramaati.
Nuti misooma akka tarree pirojektoota adda addaatti hinilaallu. Akka adeemsa humnoota omishaafi buโuuraalee omishaa, sirna oomishtummaa tokko jalatti qindeessuutti ilaalla. Garaagarummaan kun kan hiika jechootaa qofa miti; garaagarummaa ilaalchaati. Misoomni yaada keessaa dhalata; sirna keessatti guddata; pirojektiin ammoo bu’aa isaa ta’a.
Yeroo hedduu, hiyyummaan qabeenya dhabuurraa hinmaddu. Qabeenya qindeessuu dhabuurraa madda. Ummanni kennaa umamaati; oomishtummaan garuu buโaa hojii mootummaafi dhaabbileeti. Bishaan jiraachuu danda’a; omishni hinjiraatu. Laftii jiraachuu danda’a; galiin hinjiraatu. Dargaggoonni jiraachuu danda’u; hojiin hinjiraatu. Kanaaf rakkoo guddaan qabeenya dhabuu osoo hintaane, sirna oomishtummaa qabeenya jiru gara humna qabatamaatti jijjiiru ijaaruu dadhabuu ta’a. Hiyyummaan buโaa dhaabbatummaati (institutional) malee buโaa umamaa miti.
Ce’umsi yeroo muraasaaf milkaa’uu danda’a. Haataโu malee sirna ta’uu baannaan hinfullaโu. Kanaaf galmi keenya jijjiirama jalqabuu qofa miti; jijjiirama sana dhaabbata, seera, hojimaata, aadaa hojii, sirna hoggansaafi mala jireenyatiin utubuudha. Misooma waaraan dhaabbileedhan jiraata.
Ija kanaan, nuuf mootummaa jechuun aangoo qofa miti; dandeettii oomishtummaa hawaasa ijaarudha. Mootummaan ofii qabeenya hinuumu; sirna qabeenyi itti umamu ijaara. daandii qofa hinijaaru; dinagdee daandii sanarraa dhalatu ijaara. Mana barnootaa qofa hinbanu; sirna oomishtummaa dhaloota dorgomaa achii maddu ofitti fudhatu ijaara. Bishaan qofa hindhiyeessu; sirna-ikkoo misooma jallisii gabeessummaa omisha qonnaa babaldhisu ijaara. Kanaaf, gaheen mootummaa pirojektii raawwachuu qofa osoo hintaane, sirna oomishtummaa dhaloota ittaanutti ceโu ijaarudha.
Sirni oomishtummaa ofumaan hinijaaramu. Humnoonni oomishaafi buโuuraaleen omishaa ofumaan walitti hinqindaaโan. Qindeessaa barbaadu. Gaheen hoggansaas kanuma. Hoggansi qabeenya hinuumu; humnoonni oomishaafi buโuuraaleen omishaa akka walitti hidhatanii sirna ta’an taasisa. Hoggansi tarsiimaโoo, hojiilee takka lamee raawwachuu caalaa, sirna raawwii hojiilee ijaara.
Asirratti gaaffiin biroo nika’a. โ๐ ๐ถ๐๐ผ๐ผ๐บ๐ป๐ถ โ๐ฆ๐ถ๐ฟ๐ป๐ฎ ๐๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ถ๐ถ ๐ข๐ผ๐บ๐ถ๐๐ต๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐ค๐ถ๐ป๐ฑ๐ฎ๐ฎโ๐ฎ๐ฎโ ๐ถ๐ท๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐๐ ๐๐ผ๐ผ๐๐ฎ’๐ฒ, ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐ฎ ๐ท๐ฎ๐น๐พ๐ฎ๐ฏ๐ป๐ฎ?โ
Baroota dheeraaf addunyaan guddina magaalaa akka bu’uura misoomaatti ilaalaa ture. Yaanni sun guddinni magaalaa ofuma isaatii baadiyyaa akka jijjiiru kan abdatu ture. Haataโu malee, seenaa keessatti yeroo hedduu faallaa isaatu taโaa ture. Magaalaan omisha baadiyyaa fayyadama; baadiyyaan garuu sona magaalaa keessaa qooda madaalawaa hinargatu. Kunis qaamni lameenuu walqabatanii akka laamshaโan taasise.
Kanaaf, gaaffii โ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐ฎ ๐ท๏ฟฝ๏ฟฝ๐น๐พ๐ฎ๐ฏ๐ป๐ฎ?โ jedhuuf deebiin keenya ifa. ๐๐ฎ๐ฟ๐ถ๐ถ๐ฟ๐ผ๐ผ ๐ฏ๐ฎ๐ฎ๐ฑ๐ถ๐๐๐ฎ๐ฎ๐ณ๐ถ ๐บ๐ฎ๐ด๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐ฟ๐ฎ๐ฎ ๐ท๐ฎ๐น๐พ๐ฎ๐ฏ๐ป๐ฎ. Sababni isaas, hariiroon isaanii yoosirrate guddinni isaanii wal-utubee walfaana kaasa; yoodabes hiyyummaan isaanii walhammeessee walfaana dhidhimsa.
Kana jechuun rakkoo ijoon guddina magaalaa miti; hariiroo magaalaafi baadiyyaati. Buโuuruma kanaan, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa gaaffii sana guutummaatti garagalcheera. Kaayyoon keenya qonnaan bulaa gara magaalaatti godaansuu miti; magaalummaa gara qonnaan bulaatti geessuudha. Sababni isaas, namni tokko akka jijjiiramu baadiyyaa gadi lakkisuun isa hinbarbaachisu; bakkuma jirutti โsirna jireenyaaโ isaa haaromsuun โjiruunโ isaa akka jijjiiramu taasisuun nidanda’ama.
Magaalummaan โ๐ฏ๐ฎ๐ธ๐ธ๐ฎโ miti; ๐๐ถ๐ฟ๐ป๐ฎ. Bakka jireenyaa miti; Sirna jireenyaati. Gamoo miti; beekumsa; ogummaadha; dhaweessummaadha; dandeettidha. Daandii miti; hariiroo dinagdeeti. Tajaajila miti; sirna kenniinsa tajaajilaati. Omisha qofa miti; sirna dandeettii oomishtummaa qindaaโaa humnootafi buโuuraalee omishaa maraati.
Hubannoo kanaan, magaalummaa gara baadiyyaa geessina jechuun, gamoo gara baadiyyaatti geessuu miti; sirna mootummaa humna oomishtummaa qindeessu hawaasa biraan gahuudha. Akka humna to’annootti osoo hintaane, akka diriirsaa bu’uuraalee misoomaa, babaldhisaa beekumsaa, hidhachiisaa ogummaa, qindeessaa gabaafi uumaa carraa omishaatti. Akka qindeessaa humnoota oomishtummaatti. Walumaagalatti, akka dhaabbata ce’umsaafi qaroomina hawaasaa hoogganuutti.
Kunis taโee, gahaa miti. Bu’uuraaleen misoomaa ofumaan badhaadhina hinuuman. Daandiin ofumaan galii hinuumu. Humni ibsaa ofumaan hojii hinuumu. Bishaan ofumaan qabeenya hinuumu. Bu’uuraaleen misoomaa akka jecha tokkootti osoo hintaane, akka qubee tokkootti ilaalamuu qabu. Hiika misoomaa kan argatan, yemmuu walsimanii dandeettii oomishtummaa qindaaโaa ta’an qofa.
Madaallii kanaan, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa hojii keenya keessaa walakkaa qofa. Walakkaan hafu ammoo humnoota oomishtummaa hawaasaa sirna tokko keessatti walitti qindeessudha. Bu’uuraaleen misoomaa mataa isaanitiin misooma hinuuman; sirni gara humna oomishtummaatti isaan jijjiiru ijaaramuu qaba. Yaanni ๐๐๐๐ฅ๐ข๐ ๐๐s bu’uura yaada kanaarraa madde.
Haaromeen pirojektii mana jireenyaa miti. Magaalaa haaraa qofa miti. Dhaabbata ce’umsaa sirna oomishtummaati. Bakka humnoonni oomishtummaa walitti dhufanii sirna haaraa jalatti qindaa’anidha. Bakka qonnaan bulaan jireenya isaa qofa osoo hintaane, ilaalcha hojii isaa, eenyummaa dinagdee isaa, mala omishaa isaafi hariiroo gabaa waliin qabu itti haaromsudha. Haaromeen bakka namni itti qubatu qofa miti; bakka sirni oomishtummaa haaraan itti dhalatu, guddatuufi of-haaromsudha.
Bu’uuruma kanaan, yaanni pilaanii misooma magaalotaafi ceโumsa baadiyyaa keessatti “Qe’ee Qonnaan Bulaa – Haaromee” jechuun ibsame hojiirra oolaa jira. Magaalonni tarsiimoo akka Adaamaa, Shaggar, Bishooftuufi kanneen biroo naannawa baadiyyaa bulchiinsa isaanii keessatti dhaabbilee Haaromee babaldhisaa jiru. Kun babaldhina mana jireenyaa qofa miti; babaldhina dandeettii oomishtummaati.
Qonnaan bulaan Haaromeetti makamuuf, naannawa isaa gadi hinlakkisu. Lafuma isaarratti sirna dinagdee haaraa keessa gala. Haaromeetti qonni harkaa-gara-afaanii irraa gara harkaa-gara-gabaatti ce’a. Qonni omisha uuma. Omishni kaappitaala uuma. Kaappitaalli invastimantii uuma. Invastimantiin indastirii uuma. Indastiriin hojii uuma. Hojiin galii uuma. Galiin badhaadhina uuma. Badhaadhinni ammoo dandeettii oomishtummaa caalaatti ijaara.
Kanaaf Haaromeen baadiyyaafi magaalaa gidduu dhaabbatus, dhimma qonnaa qofa miti. Dhimma magaalaa qofas miti. Dhimma mana jireenyaa qofas miti. Mala mootummaan ce’umsa hawaasni keenya gara sirna dandeettii oomishtummaa qindaaโetti taasisu ittiin hoogganu keessaa isa tokko. Dhaabbata ce’umsaa, Oromiyaan hawaasa oomishtummaan isaa sirnaaโe ittiin ijaarratu keessaa isa tokko.
Asirratti hiikni magaalomsuu nijijjiirama. Magaalomsuun daangaa magaalaa babaldhisuu miti; daangaa oomishtummaa hawaasaa babaldhisuudha. Magaalaan guddachuu qofti milkaa’ina miti. Baadiyyaan omishuu dandaโuu qoftis milkaa’ina miti. Milkaa’inni dhugaa yemmuu humnoonni omishaafi buโuuraaleen omishaa magaalaafi baadiyyaa, sirna omishaa tokko jalatti qindoomanii dandeettii oomishtummaa hawaasaa dabalan qofa argama.
Kana jechuun baadiyyaa gara magaalaatti jijjiiruu miti. Magaalaafi baadiyyaa gara sirna oomishtummaa walsimaa tokkootti ceesisuudha.
Qabsoon Oromoo mirga siyaasaa yeroo dheeraa madaaโeef goonfateera. Haataโuutii, mirgi siyaasaa dandeettii dinagdee oomishtummaatiin yoo hindabaalamne, yeroo dheeraa of-tiksuu hindanda’u. Bilisummaan siyaasaa beekamtii mirga of-taโuuti. Bilisummaan dinagdee humna mirga oftaโuu qabatamaan jiraachuti. Bilisummaa waaraan ammoo walsima lamaan isaaniirraa dhalata.
Kanarraa kaโuun, gaaffiileen โMagaalaan hammam baldhate?โ โPirojektii meeqatu eebbifame?” jedhan har’a murteessoo miti. Gaaffii murteessaan,”Hawaasni keenya dandeettii oomishtummaa hagam horate?” kan jedhu.
Egereen Oromiyaa bakkaan (magaalaa/baadiyyaa) hinakeekamu. Dheerina gamootiin hinmurteeffamu. Egereen ummata keenyaa sadarkaa dandeettiin omishtummaa hawaasaa itti ijaarameen murteeffama. Harka hawaasa dandeettii omishtummaa horateetiin barreeffama. Hundaa olitti, โSirna Bulchiinsaaโ humnoota omishaa, buโuuraalee omishaa, dhaabbileefi teknoolojii sirna oomishtummaa tokko keessatti ijaaruu dandaโeen barreeffama.
Milkaaโinni mootummaa tokkoo, pirojektoota gurguddoo raawwachuun qofa osoo hintaane, pirojektoota sana gara sirna dandeettii oomishtummaatti ceesisuun madaalama.
Kanaaf, misooma Oromiyaa jechuun, baayโina pirojektootaa miti; sirna dandeettii oomishtummaa qindaaโaa hawaasaati. Hawaasa dandeettii oomishtummaa qabu ijaaruun, sirna cimaa ijaarudha. Sirna oomishtummaa cimaa ijaaruun badhaadhina ijaarudha.
Kun hiika haaraa magaalomsuu qofa miti; hiika haaraa ce’umsa baadiyyaa qofa miti. Kun ๐๐ฎ๐น๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐บ๐ฎ ๐ ๐ถ๐๐ผ๐ผ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ฟ๐ผ๐บ๐ถ๐๐ฎ๐ฎti.








