“Riifoormiin diinagdee Itiyoophiyaa, abdii egeree guddina diinagdee Afrikaati.”- Abiyyi Ahmad (PhD).

Date:

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 26,2018

Riifoormiin diinagdee gooroo hojiirra oole, gama hundaan jijjiirama qabatamaa fideera jedhan, Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD).

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), Walga’ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa taa’amerratti gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka’aniif deebiifi ibsa kennaniiru.

Hojiileen riifoormii diinagdee gooroo waggoota darban hojjetamaa turan cabiinsa diinagdee gooroo suphuu, diinagdee qonnaan durfamu jijjiiruudha jedhan.

Riifoormiin taasifame diinagdee biyyattii qonnaan durfamuu irraa gara damee hedduu fi hunda hammataa diinagdee dam-daneessatti jijjiiruun guddina qulqullina qabu mirkaneessuu akkasumas dhiibbaa idaa salphisuuf kan akeekame ta’uu eeran.

Kanaanis Itiyoophiyaan, biyyoota boba’aa osoo hin qabaatiin guddina diinagdee ariifataa galmeessan keessaa, ishee tokko ta’uu dandeesseetti jedhan.

Dameelee diinagdeen gooroo xiyyeeffannoo kenneef keessaa inni tokko teeknooloojii ta’uu eeruun, dargaggoonni kanarratti dorgomtoota akka ta’aniif hojjetamaa jira jedhan.

Itiyoophiyaan Yuunivarsiitii hubannoo nam-tolchee (AI) addunyaarraa lammaffaa ta’e, waggaa tokko keessatti hojii akka eegalchiiftu dubbatan.

Kana malees sagantaa Itiyoo- koodarsii miiliyoona 5niin amma ammaatti dargaggoonni miiliyoona 3 leenjii ogummaa qaban gabbisuuf leenji’uusaanii dubbatan.

Magaalota keessatti misooma koridarii hojjechuufi misoomawwan bu’uuraa guutuuf  hojii hojjetamaa jiruun guutuu biyyaa keessatti jijjiiramni galmaa’aa dhufuu ibsan.

Guddinni gaggeeffamaa jiru naannawaa akka hin miine gochuuf misooma ashaaraa magariisaa fi qarqara lageenii misoomsuun hojiileen bu’a qabeessi hojjetamuusaanii himaniiru.

Itiyoophiyaan xumura waggaa kanaatti guddina diinagdee harka 10’2’n akka galmeessitus raagameera jedhan.

Raagni kunis tilmaama dhaabbata maallaqaa addunyaa waliin walitt dhihoo akka ta’e dubbatan.

Riifoormiin diinagdee gooroo Itiyoophiyaatti hojiirra oole, damee hundaan kan eegamuun olitti bu’aa guddaa galmeessuun danda’ameera jedhan.

Bara bajataa kana damee qonnaan harka 7.3 galmeessuuf akkasumas oomisha kuntaala biiliyoona 1’3 galchuuf karoorfamuu akka fakkeenyaatti eeran.

Ji’oota 6’n darbanitti oomishni kuntaala miiliyoona 999 walitti qabamuu himan.

Kunis karoora waggaarraa harki 78 raawwatamuu agarsiisa jedhan.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...