Itiyoophiyaafi Galaanni diimaa yoomiyyuu adda ba’anii jiraachuu hin danda’ani”-Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD).

Date:

‘OBN Cyber Media’ Amajjii 26,2018

Itiyoophiyaa fi Galaanni diimaa yoomiyyuu adda ba’anii jiraachuu hin danda’ani; Galaanni diimaa dhimma jiraachuuti jedhan, Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD).

Walga’iin Idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 6ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), argamanitti taa’ameera.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadis(PhD),  Gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka’aniif deebiifi ibsa kennaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadis(PhD),  Gaanfi Afrikaa akka hin tarsaane kan walitti hodhame, ciminaan kan walitti hidhamedha jechuun haala gi’ooplotiksii riijinichaa ibsan.

Hawaasni naannawaa Gaanfa Afrikaa aadaa, seenaa fi afaaniin kan walitti hidhame ta’uus eeran. Haa ta’u malee riijinichi wal morkii fi giddu seentummaa biyyoota adda addaan kan marfamedha jedhan.

Hulaan galaanaa Itiyoophiyaaf hin malu jedhee namni yaadu seera uumamaa irraa maquusaa dubbatan.

Itiyoophiyaafi Galaanni diimaa bara baraaf gargar ba’anii jiraachuu akka hin dandeenyes ibsan.

Itiyoophiyaan dhimmi galaana diimaa karaa nagaa, walii galtee fi seera-qabeessaan mariidhaan akka furamuuf amantaa cimaa qabaachuu himan.

Galaana diimaa dhorkuuf yoo yaalame adeemsichi sirrii miti kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD), kennaa uumamaarraa Itiyoophiyaa hambisuun akka hin danda’amnes dubbatan.

Itiyoophiyaan dhimmi kun karaa nagaa mariidhaan furamuu qaba ejjennoo jedhu akka qabdus ibsaniiru.

Dhimmi Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf itti deemaa jirtu, yoomiyyuu kan hindhaabannee fi kan hin jijjiiramne ta’uu hubachiisan.

Qabeenya qabnu waloon fayyadamuudhaan waloomaan haa misoomnu jechuunis ergaa dabarsan.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...