Mul’ataa Rakkina keessa Taa’anii Milkaa’ina Arguu!

Date:

Dhaweessummaa: Mul’ataa Rakkina keessa Taa’anii Milkaa’ina Arguu!


Addunyaa har’aa keessatti namni hundi riqicha nagaa fi tasgabbaa’aa irra deemuu filata.

Namoonni muraasni riqicha sana ofiif ijaarratanii bishaan dambali’aa ce’uuf ija jabaatu.

Isaan kun dhaweessitoota (entrepreneurs) dha. Dhaweessummaan hojii uumuu qofa miti; itti gaafatamummaa fudhachuu, ilaalcha jijjiiruu fi dandeettii dhiphina keessatti carraa uumuu ti.
1. Tarkaanfii Jalqabaa imala dhaweessummaa: Mul’ata Qabaachuu
Dhaweessummaan eessayyuu hin eegalu—sammuu nama tokkoo keessaa dhalata. Namoonni baay’een yommuu rakkina argan ni guungumu; dhaweessi garuu yommuu rakkina argu “Kun carraa hojiiti!” jedha. Mul’anni qabeenya qabaachuun dura dhufa. Rakkina hawaasa keessa jiru furuuf fedhii fi kaka’umsa gubbaaf keessaa qabaachuun, dhagaa bu’uuraa dhaweessummaa ti.
2. Onnee Hin Sodaanne: Ija Jabina fi Ka’umsa qabaachuu
Imalli dhaweessummaa bofa summii hamaa qabuu fi qoree baay’ee keessa deemsa qaba. Kufaatiin jira, namni si tuffachuu danda’a, herregni bankii keetii duwwaa ta’uu danda’a. Garuu, miira addaa dhaweessa tokko adda taasisu jira innis kufaatii akka barnootaatti fudhachuudha.
“Kufaatiin dhuma imalaa miti; karaa itti hojiin sun sirrii akka hin hojjenne itti barte dha.”
Deebi’anii ka’uun, abdii kutachuu dhiisuun fi abjuu ofiitiif amanamoo ta’uun hidda dhiigaa dhaweessummaa ti.
3. Kalaqaa fi Haaromsa (Innovation)’n dhiibbaa uumuu
Dhaweessummaan waan jiru akka jiruun garagalchuu miti. Addunyaa teknoolojii fi daldalli saffisaan itti jijjiiramu kanaan, waan haaraa fi madaalawaa ta’e uumuun dirqama. Adeemsa hojii keesatti, tajaajila ykn oomisha keetti kalaqa dabalataa yoo hin fidin, namni biraa dhufee si dursa. Wantota xixiqqoo hojjettu keessatti illee bifa hawwataa fi faayidaa guddaa qabuun dhiyeessuun qaama kalaqaa ti.
4. Hawaasa Jijjiiruu: Guddina Waliiniif
Dhaweessummaan faayidaa dhuunfaa qofaaf miti. Hojii uumuun, lammiilee of dandeessisuun, diinagdee biyyaa utubuu keessatti shoora olaanaa qaba. Dhaweessi tokko yoo milkaa’u, maatii baay’eetu gargaarama, dargaggoonni baay’eetu abdiidhaan ka’a. Kun dhiibbaa gaarii (positive impact) hawaasa irratti uumuu dha.

Milkaa’inni dhaweessummaa maallaqa guddaa qabaachuu keessaa miti; tarkaanfii xiqqoo hardha fudhattu keessa jira. Kaayyootti amani, dandeettii keetti fayyadami, ija jabinaan tarkaanfadhu.
Addunyaan kun kalaqa kee, furmaata kee fi ija jabina kee eegaa jirti! Hardha jalqabi! Yaadasaa Lammaan

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Imalli gara Dhaweessummaa akkamiin jalqaba?

Imalli gara Dhaweessummaa akkamiin jalqaba? Dhaweeyyiin (entrepreneurs) warra rakkoo isaan...

” TPLF Waraanaaf Dargaggoota Adamsaa jira.” Jiraattota

OBN Cyber Media Waxabajjii 29, 2018 Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa...