Misooma qarqara daandii

Date:

Magaalota wiirtuu ijoo ta’an hedduu misoomsuun carraa hojii ni uuma. Misooma madaalawwaa ni taasisa. Dhiphina ni hir’isa. Dandeettii magaalotaa ni cimsa. Giddugaloota adda addaa irratti invastimantii akka hojjetamuuf carraa haaraa ni uuma.

Naannoo hundaaf guddina itti fufiinsa qabuu fi madaalawwaa ta’e ni fida.

Biyyi kanbadhaadhu yoo guddinni waloo jiraatedha. Misoomni koriidarii magaalaafi baadiyyaa fakeenyummaa akka magaalaa Jimmatti babal’achaa jiru.

Kallattii xiyyeeffannoo roodmaappii qabxii 10 of keessaa qabu kan Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahimadiin kaa’ameen qajeelfamuun pirojektoonni misoomawwan bu’uuraa  magaalaa Jimmaatti hojjetaman magaalitti magaalaa idil-addunyaa taasisa.

Viidiyoo gabaabaa armaan gadii daawwadhaatii roodmaapii qabxii 10 of keessa qabu kana irra deebi’aa yaadadha.

1. Buna qulqullinaa fi baay’inaan oomishuu; keessattu Buna addaa Xirinyii babal’isuun,

2. Gosoota baala shaayii orgaanikii ta’an maqaa addaa Jimmaan oomishuu

3. Xaa’oo uumamaa oomishuu fi itti fayyadamuudhaan fuduraalee adda addaa omishuun, saamsuu fi gara biyya alaatti erguu;

4. Horii Aannanii fi foon; Akkasumas lukkuu hanqaaquu fi foon qulqullinaa fi baay’inaan oomishuuf fi saamsanii alatti erguu,

5. Mi’eessituuwwan adda addaa gabaa al-ergiidhaaf mijatoo ta’an qopheessuu, saamsuu fi alatti erguu;

6. Oomisha mukaa gosa adda addaa qulqullina sadarkaa addunyaattin warshaalee keessatti oomishuu,

7. Warshaalee suphee dhahan babal’isuudhaan; Oomishaalee ijaarsaa keenyaa, dallaa fi kanneen biroof oolan oomishuun alatti erguu;

8. Hambaalee seenaa, uumamaa, amantaa fi aadaa Jimmaa fi naannawa ishee misoomsuu fi guddisuun bakka turizimii taasisuu;

9. Nagaa fi keessummeessummaa ummanni Jimmaa durii kaasee ittiin beekamu cimsuu;

10. Barsiifatalee hawaasummaa miidhaa geessisaan fi aadaa hojii badaa fooyyessuu;

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...