Dhaabbanni Itiyoo-Injinariingi konkolaattoota elektirikaa oomishuuf karoorfachuu beeksise.

Date:

OBN Cyber Media Amajjii 20,2017-Dhaabbatni Itiyoo-Injinariingi Giruuppi bara dhufuu eegalee konkolaattoota elektirikaa Itiyoophiyaa keessatti oomishuuf karoorfachuu Hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa Ambaasaaddar Suleeyimaan Daddafoon himaniiru.

Dhaabbatichi konkolaattoota humna elektirikaan hojjetan biyya keessatti oomishuuf  qophaa’uu himaniiru.

Albuudni galtee baatirii konkolaataa elektirikaa oomishuuf oolu Liitiyeemiin Itoophiyaa keessatti bal’inaan kan argamu ta’uu, Ambaasaaddar Suleeyimaan ibsaniiru.

Albuudni kun hanga ammaatti dheedhiin isaa alatti ergamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhaabbatichi yeroo ammaa Teknooloojii Albuudicha calaluu danda’u barbaadaa akka jiru dubbaaniiru.

Dhaabbatichi ogeeyyii muuxannoo olaanaa qaban 550 qabaachuus eeraniiru.

Waggaa shan keessatti Awutoobisoota deddeebisa ummataa oomishuu eegaluuf hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Itiyoo – Injinariing Giruuppi maashinaroota misooma qonnaa oomishuun qonnaan bultootaaf rabsuun hojii bu’aa qabeessa hojjechuu ibsaniiru.TOI

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related

Warshaan baala shaayii Oromiyaa dhugoomaa jira.

'OBN Cyber Media' Adoolessa 21,2018. ‎Inisheetiiviin misooma baala shaayii Naannoo...

“Itiyoophiyaan rakkoolee waloo Afrikaa hiikuuf kutannoo cimaa qabdi.”Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21, 2018 Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa mootummoota...

“Gamtaan Afrikaa fayyadamummaa ardichaa mirkaneessuuf hojjetaa jira.” Mahaammad Alii Yusuuf

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 21,2018 Walga'ii Idileen 49ffaa Hojii Raawwachiiftuu...

“Africa Must Become a Strategic Actor in a Changing Global Geopolitical Landscape” :Dr. Gedion Timothewos

OBN Cyber Media -July 28, 2026Ethiopia's Minister of Foreign...