Home Oduu Itoophiyaa ”Itiyoophiyaa mariin waaressuu”

”Itiyoophiyaa mariin waaressuu”

0

Marii Biyyaalessaa: Boqonnaa Haaraa Itiyoophiyaa!

‎OBN Cyber Media Adooleessa 08,2018.

Lolanii booji’uun gootummaa kaleessaa ture; wal dhabdee mariin furachuun immoo gootummaa bara kanaati.

‎Kaleessaa, lammiileen Itiyoophiyaa yeroo biyya isaanii diinni weeraruuf dhufe tokkummaan hiriiranii lolanii, birmadummaa isaanii kabachiisan.

‎Tokkummaa fi jaalala biyyaaf qabaniin seenaa addaa galmeessan.

‎Har’a garuu gaaffiin guddaan:

‎Gaaddisa tokko jalatti taa’anii mari’achuun maal fakkaata?

‎Adoolessa 8 guyyaan har’aa, guyyaa qofa miti. Guyyaa seenaa keessatti boqonnaan haaraan itti banamuuf jedhudha.

‎Guyyaa lammiileen Itiyoophiyaa garaagarummaa isaanii mariidhaan furuuf waltajjii tokko irratti wal argan.

‎Baroota dheeraaf yaadni adda addaa wal irraa fagaatee ture. Tokko ijaaraa, tokko diigaa, tokko suphaa, tokko ammoo madaa hooqaa ture.

‎Garaagarummaan kun dhalootaa dhalootatti darbuun rakkoolee hedduu uumeera.

‎Hanga yoomiitti garaagarummaan yaadaa biyya hunkuraa, rakkoo kana maaltu furaa, gaaffiin jedhu, yaada marii biyyaalessaa dhale.

‎Amma yeroo jijjiiramaa keessa jirra.

‎Marii biyyaalessaa kana keessatti paartileen siyaasaa, mootummaa, qaamoleen hawaasaa fi bakka bu’oonni yaada garaagaraa qaban waltajjii tokko irratti wal argu.

‎Kun waltajjii marii qofa miti.

‎Hiree dhaloota boruu murteessuuf carraa seenaa keessatti argameedha.

‎Rakkooleen waggoota dheeraaf biyya keenya keessatti kuufamaa turan hidhannoo waraanaan osoo hin taane,

‎hidhannoo yaadaa, marii, dhaggeeffannaa fi waliif dhiifamaan furmaata argachuu qabu.

‎Mariin biyyaalessaa kun aadaa siyaasaa haaraa ijaaruuf carraadha.

‎Garaagarummaan yaadaa diinummaa osoo hin taane humna ijaarsa biyyaatti akka jijjiiramuuf karaa bana.

‎Itiyoophiyaan hudhaalee siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee yeroo dheeraaf ishee danqaa turan irratti bakka bu’oota hawaasaa kuma 4 ta’an walitti fiduun mari’achuuf qophoofteetti.

‎Ajandaan jalqabaa ijaarsa biyyaarratti xiyyeeffata. Aadaa, eenyummaa, afaanota, seenaa fi hambaa eeguun akkasumas biyya garaagarummaan ishee humna ta’e ijaaruun mari’atama.

‎Itti aansuun caaseffamaa mootummaa, bakka bu’iinsa siyaasaa fi filannoon ilaalama.

‎Magaalota Federaalaa jechuun Finfinnee fi Dirre Dawaa, dhimmoonni amantii, ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi mirgi namoomaa, akkasumas dhimmoota hawaas-dinagdee, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota bal’inaan irratti mari’atamu.

‎Kana malees, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii, akkasumas ijaarsa nageenyaa irratti waliigaltee uumuu fi furmaata waaraa barbaaduun ajandaawwan ijoo keessaa ta’u.

‎Marii biyyaalessaa jechuun wal falmuu qofa miti; wal dhaggeeffachuu, wal hubachuu fi furmaata waloo uumuu jechuunis hiika qaba.

‎Rakkoolee waggoota dheeraaf walitti kuufaman marii bilchaataa fi hirmaannaa bal’aan furuun bu’uura nageenyaa fi badhaadhinaa ta’a.

‎Kanaaf, milkaa’inni marii kanaaf hundarraa eegama.

‎Yaada wal kabajuun dhiyeessuu, garaagarummaa kabajuu fi biyya waloo ijaaruuf kutannoo agarsiisuun gahee lammummaa keenya keessaa isa guddaadha.

‎Marii kun sagalee warra dhagahamu dhabanii dhageessisuuf carraadha.

‎Sagalee haadholii ijoolleen isaanii nagaa fi tokkummaan akka guddatan dheebotan.

‎Sagalee dhalootaa egeree biyya isaanii bareedaa hawwu.

‎Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad ergaa isaanii keessatti, mariin biyyaalessaa kun boqonnaa haaraa Itiyoophiyaa ta’uu ibsanii, yeroo ammaa kan barbaachisu namoota qawwee kaasanii osoo hin taane, namoota beekumsaa fi bilchina yaadaatiin karaa nagaa furmaata barbaadan ta’uu himaniiru.

‎Akkuma kaleessa Adwaan ijoollee imaanaa baatan gaafatte, har’as Itiyoophiyaan ijoollee ishee yaada, beekumsaa fi obbolummaa qaban barbaaddi.

‎Itiyoophiyaan ni mari’atti.

‎Rakkoo ishiitis ni furatti.

‎Boru nagaa, tokkummaa fi badhaadhina irratti hundaa’e waloon haa ijaarru.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version