OBN Cyber Media’ Adoolessa 08,2018
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa hawwiin eegamaa ture Bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) argamanitti Finfinnee Giddugala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti taa’amaa jira.
Yaa’ichi Bakka bu’oota hawaasaa kuma 4 hirmaachisuun Ajandaalee 8 irratti mari’atama.
Bakka bu’ootni Aanaalee, Naannolee, magaalota Federaalaafi Diyaaspooraan Yaa’ii Marii Biyyaalessaa kanarratti hirmaachaa jiru.
Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaaleessa Pirofeesar Masfin Ara’aayaa,
waltajjiin marii biyyaalessaa kun daneessummaa keenya kan balleessinu osoo taane garaagarummaa keenya karaa qaroomeen qabannee sirna waloon jiraachuu keenya kan itti diriirsinuudha jedhan.
Waltajjiin yaa’ii marii biyyaalessaa kun kallattii siyaasaafi hawaasummaa biyya keenyaa kan akeekuufi dhaloota itti aanuufis biyya jabduu ijaaruuf boqonnaa seenaa haaraa kan banuudhas jedhan.
Marii kun wal dhageettii cimsuuf, miidhama ture hubachuuf, seenessa garaagarummaafi godaannisni seenaa ture haqamuun carraa waloo egeree keenyaaf bu’uura kan kaa’uta’uus eeran.
Garaagarummaan yaada mataa isaatiin rakkoo miti, ilaalchi adda addaa qaama eenyummaa fi jireenya dimokiraasii keenyaati, akkasumas miidhagina keenyaati jedhan Pirofeesar Masfin Ara’aayya.
Rakkoolee hidda gadi fageeffate yeroo dheeraaf ture humnaan furuu akka seenaan keenya nu barsiiseera, kanaaf furmaanni, marii biyyaalessaa amanamaa, hunda hammataa, iftoominaa fi sirna saayinsaawaa ta’een mari’achuu qofaadha jedhan Pirofeesar Masfin Ara’aayya.
Waltajjiin marii kun seenaa Itiyoophiyaa keessatti bakka guddaa qabaachuu kan eeran Pirofeesar Masfin, mariin biyyaalessaa akkasii kun imala hawaasummaa fi siyaasaa biyya keenyaa kallattii gaariitti qajeelchuu caalaa, uummata jabaa fi biyya cimtuu ijaaruuf akkaan murteessaa ta’uus himan.
Waltajjichi furmaata waaraa fi egeree waloo keenya irratti akka walii galuu kan nu dandeessisus jedhan.
Qorichi biyya keenya fayyisuu danda’u marii biyyaalessaa amanamaa, iftoominaafi hammatummaa qabu gaggeessuu qofaa akka ta’es hubachiisan.
Kanaafuu, hundi keenya nagaa uummta keenyaa fi dhaloota itti aanuuf jecha, dantaa garee ykn dhuunfaa keessa baanee garaa bal’innafi haqumaadhaan akka mari’annu waamicha dhiyeessa jedhan Pirofeesar Masfin Ara’aayya.
Madiinaa Daddafoon
