Imalli gara Dhaweessummaa akkamiin jalqaba?

Date:

Imalli gara Dhaweessummaa akkamiin jalqaba?

Dhaweeyyiin (entrepreneurs) warra rakkoo isaan dhiphise yookaan maatii fi firoottan isaanii ceekuu cabseef furmaata barbaadanudha jedhamee ibsamuu dandaโ€™u. Isaan kanneen, yaada gochaan, kaโ€™umsaa fi iti gala isaanii beekan, xiqqaa irraa guddaatti bahanu, rakkoo raasanii dhadhaa baasanudha.

Namoonni akkasii akkamiin miseensa warra rakkoo fi baldhoo tilmaamanii hojii buโ€™a qabeessa hojjatanu taโ€™u? Daandiin gara  dhaweessummaa akkamiin jalqaba? Barreeffama kana irraa argattu.

Namoonni ennaa dubbatanu; galma namni baayโ€™een walitti qabame keessatti leenjii fudhataa, daandii irra konkolaataa ykn baaburaa deemaa, yookaan ammoo wiirtuu bashannanaa keesatti yaada โ€œutuun waan akkasii hojjadheehoo?โ€ jedhu naaf dhufe jechaa muuxannoo isaanii ennaa qoodanu argina.

 Gaafiin kun gaaffii jalqabaa seenaa dhaweessota hundaa keessatti dhagahamudha. Warri akkasii waan warri kaan hin milโ€™anne argu. Sammuu rakkoof fala barbaaduu  qabu.

Addunyaa irratti namoota umriin isaanii hojiif gahe 8 keessaa 1 sochii dhaweessummaa keessa kan bobbaโ€™an yoo taโ€™u, guddinni โ€˜Istaartaappiiโ€™ addunyaa giddu galeessaan %21n guddachaa jiraachuu ragaaleen barreeffamaa bara 2025 keessa maxxanfaman addeessu.

Kun akka tasaa waan taโ€™e miti. Dhaweessummaan daandii dargaggootaa fi barattoota addunyaa biratti hordofamu taโ€™uu isaatiini.

Yaadonni kaโ€™umsaa armaan gadii buโ€™uura jalqabbii daandii dhaweessummaati jedhamuun kan gorfamanudha. Amaloota dhuunfaa barbaachisoo, dandeettii dhaweeyyii ijaaranuu fi tarkaanfiiwan yaada tokko gara gochaatti jijjiiranudha.

Akkamitti Dhaweessa taโ€™ama?

Akki itti dhaweessa taโ€™anu akka Herreegaa foormulaa dhaabbataa hin-hordofu. Namoonni tokko tokko Yunivarsiitiidhaa akkuma bahaniin, gariin ammoo hojii hojjatanu keessatti waggoota hedduuf erga turaniin booda dhaweessa taโ€™u. Wanti isaan wal-fakkeesu haala irra jiranu caala, dhimma tokko irratti itti yaadanii baayโ€™ee qophaaโ€™uu isaaniiti.

Dhaweessummaan hundee isaa irraa rakkoo dhugaa adda baasuu, furmaata amanamaa taโ€™e qopheessuu, dandeettii fi hariiroo raawwachiisuu ijaarrachuudha.

Balaa/saaxilamummaa dhufu shallaguun of-qopheessuu, humna qormaata mudatu dandamatu horachuudha malee leenjii fi baalโ€™e kitaabotaa gaggaragalchuu qofaa miti.

Amaloonni dhuunfaa Dhaweeyyii milkaaโ€™oo maali?

Dandamannaa; hojii keessatti  gufachuun beekamaadha. Namooni amala dhaweessumaa horatan dandeettiin bakka duubatti deebiโ€™an irraa of-madaqsuun kaโ€™u. Kun warra waan abatan itti fufan kanneen achuma dhaabbatan irraa adda baasa.

Hawwii barachuu: Dhaweeyyii ciccimoon yeroo hunda gaaffii gaafatu. Gabaa fi maamila isaanii guutummaatti hubadheera/fedhii isaa guuteera jedhanii gonkumaa hin taaโ€™anu.

Naamusa qajeelaa qabu; namoonni harka 38 taโ€™a taโ€™anu naamusni qajeelaan dandeettii dhaweeyyii milkeessu jeddhu. Namni hogganaa isaatiin utuu hin-taane sagantaa hojii ofiitiin of-hordofu hubannoo kanaa qaba.

Balaa dandamachuu qabu; Dhaweeyyiin of-eeggannoo dhabuu utuu hin taane, haala hin mirkanoofne keessatti jajjabina sababa qabeessa taโ€™een  murtee dabarsu.

Dandeettiiwwan Dhaweeyyii irraa barbaachisoo taโ€™an Maali?

โ€œDhaweessi dhawatu, bofa bakka ishii beekaโ€ jedhamee mammaakama. Rakkoo yookaan waan nama yaaddessu furuuf toofataa hin-dhabanu jechuufi. Dhaweeyyiin dandeettiiwwan armaan gadii kanaan beekamu;

  • Hariiroo gaarii, rakkoo furuu fi yeroo ofii toโ€™achuun dandeettiiwwan dhaweeyyii ijoo sadanidha.
  • Hubannaa faayinaansii jabaan beekamu. Bizinasiiwwaan xixiqqaa keessaa harki 82 sababa hubannoo dhabuu bulchiinsa maallaqaatiin kufu.
  • Gurgurtaa fi gabaa; oomishni baayโ€™ee gaarii taโ€™e tokko yoo namni waaโ€™ee oomishichaa hin beekne gatii dhaba. Dhaweeyyiin akkaaataa maamila itti argatanii fi gatii itti baasan hubatu.
  • Yaada Tarsiimawaa; dandeettii filannoowwan madaaluu, daldala adda baasuu fi tarkaanfii lamaa fi sadii dursanii fuulduratti karoorsu.
  • Hoggantoota jabaa qabu. Garee hojii ijaaru, hojiitti hiiku, namoota naannoo isaani ijiran gala tokkoof onnachiisuu dandaโ€™u.
  • Haaltti madaqu; gabaan ni jijijjiirama. Fedhiin maamilaas ni guddata. Dhaweeyyii jajjaboon taaโ€™anii hin hafanu. Haala kamiinuu waliin madaquun gabaa keessa turu.

Tarkaanfiiwwan Dhaweeyyii milkaaโ€™oo

  Kannee armaan olitti ibsaman ilaalteeta. Kanaafuu eessaa jalqabda?

  1. Kaโ€™umsakee qulqulleessii hubadhu. Rakkoo qqabatamaatti jiru furtamoo nama gammachiisuudhaaf yaadaa jirta? Dhaweeyyiin kanneen haala cimaa keessa cichanii fullaโ€™anudha.
  2. Beekumsa buโ€™uuraa ijaari; dhimma kee irratti balโ€™inaan dubbisi, yaada hojii fi kalaqaakee qoradhu akkasumas barumsa caaseffama qabu qajeelchii baradhu.
  3. Hariirookee yeroohaan gabbisi; carraawwan jalqabaa hedduun karaa namaa malee walatajjiiwwan irratti miti. Kanaafuu taateewwan irratti hirmaadhu, ogeeyyii waliin michoomi, hiriyootakee waliin baratte ykn eebbifamtee fi ogeessota indaastirii waliin hariiroo qabaadhu.
  4. Yaadakee irratti โ€˜investiโ€™ hin godhin dura mirkaneeffadhu; Oomishuu ykn galtee ajajuu keetiin dura qaamota maamiltootakee taโ€™an waliin dubbadhu. Deebiin isaanii qorannaa kamiiniyyuu caalaa gatii qaba.
  5. Xiqqaa irraa jalqabii saffisaan itti deebiโ€™I; oomisha ykn tajaajilakee isa xiqqaa hojiirra ooluu dandaโ€™u irraa jalqabuun killeekee hunda Zambiilii tokkotti naquu irraa sibaraara. Habtaamuu Taammiruun
  6. dhaweessa ta’uuf yaaddanii beektuu? yaada keessan nuuf qoodaa

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Share post:

Subscribe

spot_imgspot_img

Popular

More like this
Related