Imalli gara Dhaweessummaa akkamiin jalqaba?
Dhaweeyyiin (entrepreneurs) warra rakkoo isaan dhiphise yookaan maatii fi firoottan isaanii ceekuu cabseef furmaata barbaadanudha jedhamee ibsamuu dandaโu. Isaan kanneen, yaada gochaan, kaโumsaa fi iti gala isaanii beekan, xiqqaa irraa guddaatti bahanu, rakkoo raasanii dhadhaa baasanudha.
Namoonni akkasii akkamiin miseensa warra rakkoo fi baldhoo tilmaamanii hojii buโa qabeessa hojjatanu taโu? Daandiin gara dhaweessummaa akkamiin jalqaba? Barreeffama kana irraa argattu.
Namoonni ennaa dubbatanu; galma namni baayโeen walitti qabame keessatti leenjii fudhataa, daandii irra konkolaataa ykn baaburaa deemaa, yookaan ammoo wiirtuu bashannanaa keesatti yaada โutuun waan akkasii hojjadheehoo?โ jedhu naaf dhufe jechaa muuxannoo isaanii ennaa qoodanu argina.
Gaafiin kun gaaffii jalqabaa seenaa dhaweessota hundaa keessatti dhagahamudha. Warri akkasii waan warri kaan hin milโanne argu. Sammuu rakkoof fala barbaaduu qabu.
Addunyaa irratti namoota umriin isaanii hojiif gahe 8 keessaa 1 sochii dhaweessummaa keessa kan bobbaโan yoo taโu, guddinni โIstaartaappiiโ addunyaa giddu galeessaan %21n guddachaa jiraachuu ragaaleen barreeffamaa bara 2025 keessa maxxanfaman addeessu.
Kun akka tasaa waan taโe miti. Dhaweessummaan daandii dargaggootaa fi barattoota addunyaa biratti hordofamu taโuu isaatiini.
Yaadonni kaโumsaa armaan gadii buโuura jalqabbii daandii dhaweessummaati jedhamuun kan gorfamanudha. Amaloota dhuunfaa barbaachisoo, dandeettii dhaweeyyii ijaaranuu fi tarkaanfiiwan yaada tokko gara gochaatti jijjiiranudha.
Akkamitti Dhaweessa taโama?
Akki itti dhaweessa taโanu akka Herreegaa foormulaa dhaabbataa hin-hordofu. Namoonni tokko tokko Yunivarsiitiidhaa akkuma bahaniin, gariin ammoo hojii hojjatanu keessatti waggoota hedduuf erga turaniin booda dhaweessa taโu. Wanti isaan wal-fakkeesu haala irra jiranu caala, dhimma tokko irratti itti yaadanii baayโee qophaaโuu isaaniiti.
Dhaweessummaan hundee isaa irraa rakkoo dhugaa adda baasuu, furmaata amanamaa taโe qopheessuu, dandeettii fi hariiroo raawwachiisuu ijaarrachuudha.
Balaa/saaxilamummaa dhufu shallaguun of-qopheessuu, humna qormaata mudatu dandamatu horachuudha malee leenjii fi baalโe kitaabotaa gaggaragalchuu qofaa miti.
Amaloonni dhuunfaa Dhaweeyyii milkaaโoo maali?
Dandamannaa; hojii keessatti gufachuun beekamaadha. Namooni amala dhaweessumaa horatan dandeettiin bakka duubatti deebiโan irraa of-madaqsuun kaโu. Kun warra waan abatan itti fufan kanneen achuma dhaabbatan irraa adda baasa.
Hawwii barachuu: Dhaweeyyii ciccimoon yeroo hunda gaaffii gaafatu. Gabaa fi maamila isaanii guutummaatti hubadheera/fedhii isaa guuteera jedhanii gonkumaa hin taaโanu.
Naamusa qajeelaa qabu; namoonni harka 38 taโa taโanu naamusni qajeelaan dandeettii dhaweeyyii milkeessu jeddhu. Namni hogganaa isaatiin utuu hin-taane sagantaa hojii ofiitiin of-hordofu hubannoo kanaa qaba.
Balaa dandamachuu qabu; Dhaweeyyiin of-eeggannoo dhabuu utuu hin taane, haala hin mirkanoofne keessatti jajjabina sababa qabeessa taโeen murtee dabarsu.
Dandeettiiwwan Dhaweeyyii irraa barbaachisoo taโan Maali?
โDhaweessi dhawatu, bofa bakka ishii beekaโ jedhamee mammaakama. Rakkoo yookaan waan nama yaaddessu furuuf toofataa hin-dhabanu jechuufi. Dhaweeyyiin dandeettiiwwan armaan gadii kanaan beekamu;
- Hariiroo gaarii, rakkoo furuu fi yeroo ofii toโachuun dandeettiiwwan dhaweeyyii ijoo sadanidha.
- Hubannaa faayinaansii jabaan beekamu. Bizinasiiwwaan xixiqqaa keessaa harki 82 sababa hubannoo dhabuu bulchiinsa maallaqaatiin kufu.
- Gurgurtaa fi gabaa; oomishni baayโee gaarii taโe tokko yoo namni waaโee oomishichaa hin beekne gatii dhaba. Dhaweeyyiin akkaaataa maamila itti argatanii fi gatii itti baasan hubatu.
- Yaada Tarsiimawaa; dandeettii filannoowwan madaaluu, daldala adda baasuu fi tarkaanfii lamaa fi sadii dursanii fuulduratti karoorsu.
- Hoggantoota jabaa qabu. Garee hojii ijaaru, hojiitti hiiku, namoota naannoo isaani ijiran gala tokkoof onnachiisuu dandaโu.
- Haaltti madaqu; gabaan ni jijijjiirama. Fedhiin maamilaas ni guddata. Dhaweeyyii jajjaboon taaโanii hin hafanu. Haala kamiinuu waliin madaquun gabaa keessa turu.
Tarkaanfiiwwan Dhaweeyyii milkaaโoo
Kannee armaan olitti ibsaman ilaalteeta. Kanaafuu eessaa jalqabda?
- Kaโumsakee qulqulleessii hubadhu. Rakkoo qqabatamaatti jiru furtamoo nama gammachiisuudhaaf yaadaa jirta? Dhaweeyyiin kanneen haala cimaa keessa cichanii fullaโanudha.
- Beekumsa buโuuraa ijaari; dhimma kee irratti balโinaan dubbisi, yaada hojii fi kalaqaakee qoradhu akkasumas barumsa caaseffama qabu qajeelchii baradhu.
- Hariirookee yeroohaan gabbisi; carraawwan jalqabaa hedduun karaa namaa malee walatajjiiwwan irratti miti. Kanaafuu taateewwan irratti hirmaadhu, ogeeyyii waliin michoomi, hiriyootakee waliin baratte ykn eebbifamtee fi ogeessota indaastirii waliin hariiroo qabaadhu.
- Yaadakee irratti โinvestiโ hin godhin dura mirkaneeffadhu; Oomishuu ykn galtee ajajuu keetiin dura qaamota maamiltootakee taโan waliin dubbadhu. Deebiin isaanii qorannaa kamiiniyyuu caalaa gatii qaba.
- Xiqqaa irraa jalqabii saffisaan itti deebiโI; oomisha ykn tajaajilakee isa xiqqaa hojiirra ooluu dandaโu irraa jalqabuun killeekee hunda Zambiilii tokkotti naquu irraa sibaraara. Habtaamuu Taammiruun
- dhaweessa ta’uuf yaaddanii beektuu? yaada keessan nuuf qoodaa






