’OBN Cyber Media’ Waxabajjii 22,2018
Gamtaan Awurooppaa (EU) haala Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa baaseera.
Gamtaan Awurooppaa haala yeroo ammaa TPLF tarkaanfiiwwan uummata dararuufi caasaa mataasaa hundeeffachuuf fudhataa jiru balaaleffate.
Gamtaan Awurooppaa ibsa isaatiin TPLF namoota lolaaf galmeessee dirqisiisuunsaa yaaddoo guddaa ta’uu ibse.
Tarkaanfiileen kunneen waliigaltee waraana dhaabuu Piriitooriyaa ALA’tti bara 2022 mallatteeffame kan cabse ta’uus eere.
Qaamoleen hunda waliigaltee sana hojii irra oolchuuf irra deebi’anii mari’achuu akka qabanis ibse.
Gamtaan Awurooppaa hojii araaraa Bakka Bu’aa Addaa Gamtaa Afirikaa ‘Olusegun Obasanjo’n durfamu guutummaatti kan deeggaru akkasumas nagaafi tasgabbii mirkaneessuuf kan tumsu ta’uus ibse.
EU Wabeeffanne





