Home Oduu Gamtaan Awurooppaa sochii TPLF balaaleffate.

Gamtaan Awurooppaa sochii TPLF balaaleffate.

0

‎’OBN Cyber Media’ Waxabajjii 22,2018

‎Gamtaan Awurooppaa (EU) haala Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa baaseera.

‎Gamtaan Awurooppaa haala yeroo ammaa TPLF tarkaanfiiwwan uummata dararuufi caasaa mataasaa hundeeffachuuf fudhataa jiru balaaleffate.

‎Gamtaan Awurooppaa ibsa isaatiin TPLF namoota lolaaf galmeessee dirqisiisuunsaa yaaddoo guddaa ta’uu ibse.

‎Tarkaanfiileen kunneen waliigaltee waraana dhaabuu Piriitooriyaa ALA’tti bara 2022 mallatteeffame kan cabse ta’uus eere.

‎Qaamoleen hunda waliigaltee sana hojii irra oolchuuf irra deebi’anii mari’achuu akka qabanis ibse.

‎Gamtaan Awurooppaa hojii araaraa Bakka Bu’aa Addaa Gamtaa Afirikaa ‘Olusegun Obasanjo’n durfamu guutummaatti kan deeggaru akkasumas nagaafi tasgabbii mirkaneessuuf kan tumsu ta’uus ibse.

EU Wabeeffanne

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version