Home Oduu “Dargaggoonni Ogummaa adda addaa gabbifachuun carraa hojii bal’ifachuu qabu.” Obbo Kaffaaloo Tafarraa

“Dargaggoonni Ogummaa adda addaa gabbifachuun carraa hojii bal’ifachuu qabu.” Obbo Kaffaaloo Tafarraa

0

‘OBN Cyber Media’ Adoolessa 12,2018

Qusannaa jabeessuun dhaweessummaa babal’isuun dargaggootaaf carraa hojii uumuuf xiyyeeffannoon hojjetama jedhan, Caffee Oromiyaatti Itti Waamamaan Mootummaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa.

Ummanni hojii fayyadamummaasaa mirkaneessu hojjechuun bu’aa achirraa argatu qusatee fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuu qabas jedhan, Obbo Kaffaaloon.

Dargaggoonnis Ogummaa garaagaraa gonfachuun hojiiwwan misoomaa Oromiyaa keessatti hojjetamanirratti hirmaachuun fayyadamoo ta’uuf ofqopheessuu qabu jedhan.

Nageenya mirkaneessuuf hojii hojjetameen Dargaggoonni waamicha nageenyaaf owwaatanii karaa nagaa filatan kumni 7 deebi’uun haalli hojii miijateefii jireenyasaanii gaggeeffataa jiru, ammallee karaa nagaa warra filataniif balballi banaadha jedhan Obbo Kaffaloon.

Hojii Mootummaan sirna itti fufsiisuuf hojjetaa jiruufi hojiilee misoomaa gufachiisuuf kanneen socho’an irratti dammaquun halkanii guyyaa irratti hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Gartuulee ispoonsarummaa alagaatiin socho’an kana abjuusaanii maseensuuf hawaasa waliin qindaa’uun kutannoon hojjetamaa akka jirus dubbatan.

NO COMMENTS

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

Exit mobile version